Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour

Numero ng Pahina:close

external-link copy
104 : 5

وَإِذَا قِيلَ لَهُمۡ تَعَالَوۡاْ إِلَىٰ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ وَإِلَى ٱلرَّسُولِ قَالُواْ حَسۡبُنَا مَا وَجَدۡنَا عَلَيۡهِ ءَابَآءَنَآۚ أَوَلَوۡ كَانَ ءَابَآؤُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ شَيۡـٔٗا وَلَا يَهۡتَدُونَ

  Yeroo "gara waan Rabbiin buuseefi gara ergamichaa kottaa" isaaniin jedhame "wanti nuti abbootii keenya irratti argine nuuf ga’aadha" jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii homaa kan hin beekneefi karaa hin qajeelle ta’aniis (isaanuma hordofuu)? info
التفاسير:

external-link copy
105 : 5

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ عَلَيۡكُمۡ أَنفُسَكُمۡۖ لَا يَضُرُّكُم مَّن ضَلَّ إِذَا ٱهۡتَدَيۡتُمۡۚ إِلَى ٱللَّهِ مَرۡجِعُكُمۡ جَمِيعٗا فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ

  Yaa warra amantan! Lubbuu keessan (qabuun) isinirra haajiraatu, Yeroo isin qajeeltan namni jal’ate isin hin miidhu. Deebiin keessan hundaatuu gara Rabbiiti. Waan isin dalagaa turtan isinitti hima. info
التفاسير:

external-link copy
106 : 5

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ شَهَٰدَةُ بَيۡنِكُمۡ إِذَا حَضَرَ أَحَدَكُمُ ٱلۡمَوۡتُ حِينَ ٱلۡوَصِيَّةِ ٱثۡنَانِ ذَوَا عَدۡلٖ مِّنكُمۡ أَوۡ ءَاخَرَانِ مِنۡ غَيۡرِكُمۡ إِنۡ أَنتُمۡ ضَرَبۡتُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَأَصَٰبَتۡكُم مُّصِيبَةُ ٱلۡمَوۡتِۚ تَحۡبِسُونَهُمَا مِنۢ بَعۡدِ ٱلصَّلَوٰةِ فَيُقۡسِمَانِ بِٱللَّهِ إِنِ ٱرۡتَبۡتُمۡ لَا نَشۡتَرِي بِهِۦ ثَمَنٗا وَلَوۡ كَانَ ذَا قُرۡبَىٰ وَلَا نَكۡتُمُ شَهَٰدَةَ ٱللَّهِ إِنَّآ إِذٗا لَّمِنَ ٱلۡأٓثِمِينَ

  Yaa warra amantan! Yeroo tokkoo keessanitti duuti dhufe ogga dhaamsaa jidduu keessanitti ragaan (isin irratti dirqama). nama haqaa lama kan isin irraa ta’e, yookin nama lama kan isiniin alaa irraa tahe, yoo isin dachii keessa deemtanii balaan du’aa isin mudate (ragaan isin irratti dirqama). Yoo shakkitan booda salaataatii isaan lamaan dhaabdanii Rabbiin kakatu "odoma fira dhihoo ta’eeyyuu isaan (ragaa keenyaan) maallaqa hin jijjiirrannu; ragaa Rabbiis hin dhoksinu; nuti yeroo sana warra dilaawaa irraayyi" jedhanii . info
التفاسير:

external-link copy
107 : 5

فَإِنۡ عُثِرَ عَلَىٰٓ أَنَّهُمَا ٱسۡتَحَقَّآ إِثۡمٗا فَـَٔاخَرَانِ يَقُومَانِ مَقَامَهُمَا مِنَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَحَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلۡأَوۡلَيَٰنِ فَيُقۡسِمَانِ بِٱللَّهِ لَشَهَٰدَتُنَآ أَحَقُّ مِن شَهَٰدَتِهِمَا وَمَا ٱعۡتَدَيۡنَآ إِنَّآ إِذٗا لَّمِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ

  Yoo isaan lamaan badii haqa godhachuun beekame, fira warra (dhaala) haqa godhate irraa namni lama bakka isaan lamaanii dhaabatanii "ragaan keenya ragaa isaan lamaanii irra dhugaadha; nuti daangaas hin dabrine; yeroo san nuti miidhaa raawwattoota irraayyi" (jedhanii) Rabbiin kakatu. info
التفاسير:

external-link copy
108 : 5

ذَٰلِكَ أَدۡنَىٰٓ أَن يَأۡتُواْ بِٱلشَّهَٰدَةِ عَلَىٰ وَجۡهِهَآ أَوۡ يَخَافُوٓاْ أَن تُرَدَّ أَيۡمَٰنُۢ بَعۡدَ أَيۡمَٰنِهِمۡۗ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَٱسۡمَعُواْۗ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡفَٰسِقِينَ

  Ragaan bifa sirriin dhufuufi eega kakuu isaaniitii kakuun deebifamuu sodaachuuf kanatu irra dhihoodha. Rabbiin sodaadhaatii (ajaja isaas) dhaga'aa. Rabbiin finciltoota hin qajeelchu. info
التفاسير: