Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour

Annuur

external-link copy
1 : 24

سُورَةٌ أَنزَلۡنَٰهَا وَفَرَضۡنَٰهَا وَأَنزَلۡنَا فِيهَآ ءَايَٰتِۭ بَيِّنَٰتٖ لَّعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ

(Isheen tun) suuraa Nuti ishee buufnee, dirqama ishee taasifnee, ishee keessattis keeyyattoota ifa ta’an buufne akkagorfamtaniif. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 24

ٱلزَّانِيَةُ وَٱلزَّانِي فَٱجۡلِدُواْ كُلَّ وَٰحِدٖ مِّنۡهُمَا مِاْئَةَ جَلۡدَةٖۖ وَلَا تَأۡخُذۡكُم بِهِمَا رَأۡفَةٞ فِي دِينِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمۡ تُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۖ وَلۡيَشۡهَدۡ عَذَابَهُمَا طَآئِفَةٞ مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ

Dubartii (heeruma dura) sagaagaltuufi dhiira (fuudha dura) sagaagalu tokko tokkoon isaanii rukuttaa dhibba isaan rukutaa, Yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taataniif, amantii (adaba yookiin haddii) Rabbii keessatti isaan lamaaniif garaa laafuun isin hin qabatin, adabbii isaan lamaanii gareen mu’uminoota irraa ta’e itti haa hirmaatu. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 24

ٱلزَّانِي لَا يَنكِحُ إِلَّا زَانِيَةً أَوۡ مُشۡرِكَةٗ وَٱلزَّانِيَةُ لَا يَنكِحُهَآ إِلَّا زَانٍ أَوۡ مُشۡرِكٞۚ وَحُرِّمَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ

Dhiirri sagaagalaan sagaagaltuu yookiin dubartii mushrika taate malee hin fuudhu, Dubartiin sagaagaltuunis dhiira sagaagalaa yookiin dhiira mushrika ta’e malee namni biraa ishee hin fuudhu, Sun mu’uminoota irratti dhorgamee jira. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 24

وَٱلَّذِينَ يَرۡمُونَ ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ ثُمَّ لَمۡ يَأۡتُواْ بِأَرۡبَعَةِ شُهَدَآءَ فَٱجۡلِدُوهُمۡ ثَمَٰنِينَ جَلۡدَةٗ وَلَا تَقۡبَلُواْ لَهُمۡ شَهَٰدَةً أَبَدٗاۚ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ

Isaan dubartoota qulqulluu darbatan (kabajaa ofii eegan sagaagalummaan maqaa isaanii xureessan), ergasii ragaa afur hinfidin, rukuttaa saddeettama isaan rukutaa, Ragummaa isaaniis gonkumaa irraa hin fuudhinaa, Isaan sun isaanumatu finciltoota. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 24

إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُواْ مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ وَأَصۡلَحُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ

Isaan sana booda tawbatanii, tolchan malee, (Isaan sanaaf) Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 24

وَٱلَّذِينَ يَرۡمُونَ أَزۡوَٰجَهُمۡ وَلَمۡ يَكُن لَّهُمۡ شُهَدَآءُ إِلَّآ أَنفُسُهُمۡ فَشَهَٰدَةُ أَحَدِهِمۡ أَرۡبَعُ شَهَٰدَٰتِۭ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Isaan niitiwwan isaanii sagaagalummaan maqaa xureessan kan lubbuulee isaanii malee ragaaleen isaaniif hin jirre, rageessuun tokkoo isaanii ‘inni dhugaa dubbattoota irraayi’ jechuun yeroo afur Rabbiin kakachuudhaan rageessuudha. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 24

وَٱلۡخَٰمِسَةُ أَنَّ لَعۡنَتَ ٱللَّهِ عَلَيۡهِ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ

(Ragaan) shaneessituun abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu yoo inni namoota sobaan (maqaa ishee xureessan) irraa ta’e, ( jechuun kakachuudha). info
التفاسير:

external-link copy
8 : 24

وَيَدۡرَؤُاْ عَنۡهَا ٱلۡعَذَابَ أَن تَشۡهَدَ أَرۡبَعَ شَهَٰدَٰتِۭ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ

Adabbii (addunyaa) ishee irraa deebisa "Inni sobdoota irraayyi” jettee yeroo afur Rabbiin kakachaa rageessuun. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 24

وَٱلۡخَٰمِسَةَ أَنَّ غَضَبَ ٱللَّهِ عَلَيۡهَآ إِن كَانَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

(Ragaan) shanessituu abaarsi Rabbii ishee irra haa jiraatu ‘yoo inni (dhiirsi ishee) namoota dhugaa jedhan irraa ta’e" (jechuudha). info
التفاسير:

external-link copy
10 : 24

وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ وَرَحۡمَتُهُۥ وَأَنَّ ٱللَّهَ تَوَّابٌ حَكِيمٌ

Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, (silaa Rabbiin isin adaba ture), Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, ogeessa info
التفاسير: