పవిత్ర ఖురాన్ యొక్క భావార్థాల అనువాదం - ఒరోమో అనువాదం - గాలీ అబాబూర్

పేజీ నెంబరు:close

external-link copy
8 : 66

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ تُوبُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ تَوۡبَةٗ نَّصُوحًا عَسَىٰ رَبُّكُمۡ أَن يُكَفِّرَ عَنكُمۡ سَيِّـَٔاتِكُمۡ وَيُدۡخِلَكُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ يَوۡمَ لَا يُخۡزِي ٱللَّهُ ٱلنَّبِيَّ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥۖ نُورُهُمۡ يَسۡعَىٰ بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَبِأَيۡمَٰنِهِمۡ يَقُولُونَ رَبَّنَآ أَتۡمِمۡ لَنَا نُورَنَا وَٱغۡفِرۡ لَنَآۖ إِنَّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ

Yaa warra amantan! gara Rabbiitti tawbadhaaTawbaa qulqulluu. Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelama. Guyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san, ifaan isaanii fuuldura isaaniitiifi mirgoowwan isaanii deema. Nijedhan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti danda'aa dha". info
التفاسير:

external-link copy
9 : 66

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ جَٰهِدِ ٱلۡكُفَّارَ وَٱلۡمُنَٰفِقِينَ وَٱغۡلُظۡ عَلَيۡهِمۡۚ وَمَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمَصِيرُ

Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa'ii. isaan irrattis cimi. Teessoon isaaniis ibidda Jahannami. Deebiin waa hammaatee! info
التفاسير:

external-link copy
10 : 66

ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ ٱمۡرَأَتَ نُوحٖ وَٱمۡرَأَتَ لُوطٖۖ كَانَتَا تَحۡتَ عَبۡدَيۡنِ مِنۡ عِبَادِنَا صَٰلِحَيۡنِ فَخَانَتَاهُمَا فَلَمۡ يُغۡنِيَا عَنۡهُمَا مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـٔٗا وَقِيلَ ٱدۡخُلَا ٱلنَّارَ مَعَ ٱلدَّٰخِلِينَ

Rabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godhe. Gabroota keenya gaggaarii keessaa gabroota lama jala turan. isaan ganan. Isaan lamaanis (Nuuhifi Luux) (adabbii) Rabbii irraa homaa isaan hin duroomsine. "Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 66

وَضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱمۡرَأَتَ فِرۡعَوۡنَ إِذۡ قَالَتۡ رَبِّ ٱبۡنِ لِي عِندَكَ بَيۡتٗا فِي ٱلۡجَنَّةِ وَنَجِّنِي مِن فِرۡعَوۡنَ وَعَمَلِهِۦ وَنَجِّنِي مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ

Ammas Rabbiin isaan amananiif niitii Fir'awni fakkeenya godhe. Yeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Fir'awniifi dalagaa isaa irraa na baraarsi; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraarsi" jette. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 66

وَمَرۡيَمَ ٱبۡنَتَ عِمۡرَٰنَ ٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا وَصَدَّقَتۡ بِكَلِمَٰتِ رَبِّهَا وَكُتُبِهِۦ وَكَانَتۡ مِنَ ٱلۡقَٰنِتِينَ

Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera). Ruuhii (uumaa) keenya irraa ta'e isa keessatti afuufne. Jechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsite. Warra Rabbiif ajajamu irraas taate. info
التفاسير: