அல்குர்ஆன் மொழிபெயர்ப்பு - ஓரோமோ மொழிபெயர்ப்பு - காலி அபாபூர்

Alfajr

external-link copy
1 : 89

وَٱلۡفَجۡرِ

Bariinin (kakadha). info
التفاسير:

external-link copy
2 : 89

وَلَيَالٍ عَشۡرٖ

Halkan kurnaniinis, info
التفاسير:

external-link copy
3 : 89

وَٱلشَّفۡعِ وَٱلۡوَتۡرِ

Cimdiifi qarattis; info
التفاسير:

external-link copy
4 : 89

وَٱلَّيۡلِ إِذَا يَسۡرِ

Halkanittis; yeroo inni deeme. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 89

هَلۡ فِي ذَٰلِكَ قَسَمٞ لِّذِي حِجۡرٍ

Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira)! info
التفاسير:

external-link copy
6 : 89

أَلَمۡ تَرَ كَيۡفَ فَعَلَ رَبُّكَ بِعَادٍ

Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee? info
التفاسير:

external-link copy
7 : 89

إِرَمَ ذَاتِ ٱلۡعِمَادِ

Iramiin warra dhedheerootti, info
التفاسير:

external-link copy
8 : 89

ٱلَّتِي لَمۡ يُخۡلَقۡ مِثۡلُهَا فِي ٱلۡبِلَٰدِ

Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 89

وَثَمُودَ ٱلَّذِينَ جَابُواْ ٱلصَّخۡرَ بِٱلۡوَادِ

Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan). info
التفاسير:

external-link copy
10 : 89

وَفِرۡعَوۡنَ ذِي ٱلۡأَوۡتَادِ

Fir'awniinis abbaa shikaalaatti; info
التفاسير:

external-link copy
11 : 89

ٱلَّذِينَ طَغَوۡاْ فِي ٱلۡبِلَٰدِ

Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 89

فَأَكۡثَرُواْ فِيهَا ٱلۡفَسَادَ

Kan ishee keessatti badii baay'isan. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 89

فَصَبَّ عَلَيۡهِمۡ رَبُّكَ سَوۡطَ عَذَابٍ

Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 89

إِنَّ رَبَّكَ لَبِٱلۡمِرۡصَادِ

Gooftaan kee keellatti tahaadha. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 89

فَأَمَّا ٱلۡإِنسَٰنُ إِذَا مَا ٱبۡتَلَىٰهُ رَبُّهُۥ فَأَكۡرَمَهُۥ وَنَعَّمَهُۥ فَيَقُولُ رَبِّيٓ أَكۡرَمَنِ

Ammoo Namni yeroo gooftaan isaa isa qorate, isa kabajee, isa qanansiise nijedha “Gooftaan kiyya na kabaje”. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 89

وَأَمَّآ إِذَا مَا ٱبۡتَلَىٰهُ فَقَدَرَ عَلَيۡهِ رِزۡقَهُۥ فَيَقُولُ رَبِّيٓ أَهَٰنَنِ

Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 89

كَلَّاۖ بَل لَّا تُكۡرِمُونَ ٱلۡيَتِيمَ

Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 89

وَلَا تَحَٰٓضُّونَ عَلَىٰ طَعَامِ ٱلۡمِسۡكِينِ

Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 89

وَتَأۡكُلُونَ ٱلتُّرَاثَ أَكۡلٗا لَّمّٗا

Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate nyaattu. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 89

وَتُحِبُّونَ ٱلۡمَالَ حُبّٗا جَمّٗا

Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 89

كَلَّآۖ إِذَا دُكَّتِ ٱلۡأَرۡضُ دَكّٗا دَكّٗا

Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 89

وَجَآءَ رَبُّكَ وَٱلۡمَلَكُ صَفّٗا صَفّٗا

(Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan]. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 89

وَجِاْيٓءَ يَوۡمَئِذِۭ بِجَهَنَّمَۚ يَوۡمَئِذٖ يَتَذَكَّرُ ٱلۡإِنسَٰنُ وَأَنَّىٰ لَهُ ٱلذِّكۡرَىٰ

Guyyaa san jahannamis ni fidama Guyyaa san namni ni yaadata Yaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree? info
التفاسير:

external-link copy
24 : 89

يَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي قَدَّمۡتُ لِحَيَاتِي

Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa." info
التفاسير:

external-link copy
25 : 89

فَيَوۡمَئِذٖ لَّا يُعَذِّبُ عَذَابَهُۥٓ أَحَدٞ

Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 89

وَلَا يُوثِقُ وَثَاقَهُۥٓ أَحَدٞ

Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 89

يَٰٓأَيَّتُهَا ٱلنَّفۡسُ ٱلۡمُطۡمَئِنَّةُ

“Ati Yaa lubbuu tasgabbooftuu! info
التفاسير:

external-link copy
28 : 89

ٱرۡجِعِيٓ إِلَىٰ رَبِّكِ رَاضِيَةٗ مَّرۡضِيَّةٗ

Gara Gooftaa keetii deebi'i Jaallatuu, jaallatamtuu tahaadhaa . info
التفاسير:

external-link copy
29 : 89

فَٱدۡخُلِي فِي عِبَٰدِي

Gabroota kiyya keessas seeni. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 89

وَٱدۡخُلِي جَنَّتِي

Jannata kiyyas seeni” (jedhamti) info
التفاسير: