அல்குர்ஆன் மொழிபெயர்ப்பு - ஓரோமோ மொழிபெயர்ப்பு - காலி அபாபூர்

Annahl

external-link copy
1 : 16

أَتَىٰٓ أَمۡرُ ٱللَّهِ فَلَا تَسۡتَعۡجِلُوهُۚ سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ

Ajajni Rabbii (Guyyaan Qiyaamaa) dhufee, kanaafuu isa hin jarjarfatinaa, (Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 16

يُنَزِّلُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ بِٱلرُّوحِ مِنۡ أَمۡرِهِۦ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦٓ أَنۡ أَنذِرُوٓاْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱتَّقُونِ

Maleeykota wahyiidhaan eeyyama Isaatiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti buusa, “(kaafiroota adabaan) akeekkachiisaa, Dubbiin, Gooftaan dhugaan gabbaramu Ana malee hin jiru; Anuma sodaadhaa” jechuun (malaykaa buusa). info
التفاسير:

external-link copy
3 : 16

خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۚ تَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ

Samiifi dachii dhugaadhaan uumeera, Inni waan isaan (Isatti) qindeessan irraa ol ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 16

خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِن نُّطۡفَةٖ فَإِذَا هُوَ خَصِيمٞ مُّبِينٞ

Bishaan hormaataa xiqqoo irraa nama uume, Yoma san inni (Aakiraa sobsiisuun) mormaa ifa bahaadha. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 16

وَٱلۡأَنۡعَٰمَ خَلَقَهَاۖ لَكُمۡ فِيهَا دِفۡءٞ وَمَنَٰفِعُ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ

Beyladas isiniif ishee uume. Isaan keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jira. Ishee irraa ni nyaattus. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 16

وَلَكُمۡ فِيهَا جَمَالٌ حِينَ تُرِيحُونَ وَحِينَ تَسۡرَحُونَ

Yeroo (gara mooraa) galchitaniifi yeroo bobbaaftan (gadi yaaftan) ishee keessa bareedumatu isiniif jira. info
التفاسير: