د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور

د مخ نمبر:close

external-link copy
78 : 5

لُعِنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۢ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ عَلَىٰ لِسَانِ دَاوُۥدَ وَعِيسَى ٱبۡنِ مَرۡيَمَۚ ذَٰلِكَ بِمَا عَصَواْ وَّكَانُواْ يَعۡتَدُونَ

  Isaan Ilmaan Israa’iil irraa kafaran arraba Daawuudiifi Iisaa Ilma Maryam irratti abaaramaniiru. Kun waan isaan (Rabbiin) faallessaniifi kan daangaa dabran turaniifi. info
التفاسير:

external-link copy
79 : 5

كَانُواْ لَا يَتَنَاهَوۡنَ عَن مُّنكَرٖ فَعَلُوهُۚ لَبِئۡسَ مَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ

  Hamtuu hojjatan irraa kan wal hin dhorgine turan. Wantoonni isaan hojjataa turan waa fokkate. info
التفاسير:

external-link copy
80 : 5

تَرَىٰ كَثِيرٗا مِّنۡهُمۡ يَتَوَلَّوۡنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۚ لَبِئۡسَ مَا قَدَّمَتۡ لَهُمۡ أَنفُسُهُمۡ أَن سَخِطَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡ وَفِي ٱلۡعَذَابِ هُمۡ خَٰلِدُونَ

  Hedduu isaan irraa ta’e kan warra kafaran jaalallee godhatan argita. Rabbiin isaan irratti waan dallaneef wanti lubbuun isaanii isaaniif dabarsite waa fokkate! Isaan adabbii keessattis hafoodha. info
التفاسير:

external-link copy
81 : 5

وَلَوۡ كَانُواْ يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلنَّبِيِّ وَمَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِ مَا ٱتَّخَذُوهُمۡ أَوۡلِيَآءَ وَلَٰكِنَّ كَثِيرٗا مِّنۡهُمۡ فَٰسِقُونَ

  Odoo kan Rabbitti, nabiyyittiifi waan gara isaatti bu’etti amanan ta’anii, silaa isaan jaalallee hin godhatanu turan. Garuu isaan irraa (namoonni) hedduun finciltoota. info
التفاسير:

external-link copy
82 : 5

۞ لَتَجِدَنَّ أَشَدَّ ٱلنَّاسِ عَدَٰوَةٗ لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱلۡيَهُودَ وَٱلَّذِينَ أَشۡرَكُواْۖ وَلَتَجِدَنَّ أَقۡرَبَهُم مَّوَدَّةٗ لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّا نَصَٰرَىٰۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّ مِنۡهُمۡ قِسِّيسِينَ وَرُهۡبَانٗا وَأَنَّهُمۡ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ

Dhugumatti namoota diinummaan warra amananiif akkaan cimaa ta'an yahuudotaafi mushrikoota ta’uu argita. Dhugumatti, namoota jaalalaan isaan amananitti irra dhihoo ta’an warra "nuti kiristaanota" jedhan ta’aniitiin agarta. Kun waan isaan irraa qeesonniifi monokseewwan jiraniifi isaan hin boonan. info
التفاسير:

external-link copy
83 : 5

وَإِذَا سَمِعُواْ مَآ أُنزِلَ إِلَى ٱلرَّسُولِ تَرَىٰٓ أَعۡيُنَهُمۡ تَفِيضُ مِنَ ٱلدَّمۡعِ مِمَّا عَرَفُواْ مِنَ ٱلۡحَقِّۖ يَقُولُونَ رَبَّنَآ ءَامَنَّا فَٱكۡتُبۡنَا مَعَ ٱلشَّٰهِدِينَ

  )Kiristaanonni) yeroo waan gara ergamichaa buufame dhagayan, sababaa dhugaa beekaniif jecha kan ijji isaanii imimmaan dhangalaatu argita. Ni jedhu: "(Yaa) Gooftaa keenya! Nuti amannee ragoota wajjin nu barreessi. info
التفاسير: