د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور

د مخ نمبر:close

external-link copy
13 : 20

وَأَنَا ٱخۡتَرۡتُكَ فَٱسۡتَمِعۡ لِمَا يُوحَىٰٓ

Ani si filadheeraa waan (sitti) beeysifamu dhageeffadhu. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 20

إِنَّنِيٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدۡنِي وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ

Ani anumaatu Allaahdha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 20

إِنَّ ٱلسَّاعَةَ ءَاتِيَةٌ أَكَادُ أُخۡفِيهَا لِتُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا تَسۡعَىٰ

Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha. akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha. ishee dhoksuuttin dhihaadha. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 20

فَلَا يَصُدَّنَّكَ عَنۡهَا مَن لَّا يُؤۡمِنُ بِهَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ فَتَرۡدَىٰ

Ishee irraa gara si hin galchin Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe, (Yoo isa hordofte) ni badda.” info
التفاسير:

external-link copy
17 : 20

وَمَا تِلۡكَ بِيَمِينِكَ يَٰمُوسَىٰ

Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?” info
التفاسير:

external-link copy
18 : 20

قَالَ هِيَ عَصَايَ أَتَوَكَّؤُاْ عَلَيۡهَا وَأَهُشُّ بِهَا عَلَىٰ غَنَمِي وَلِيَ فِيهَا مَـَٔارِبُ أُخۡرَىٰ

(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee tiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee tiyyaaf isheenin (baala mukaa) harcaasa. Ishee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira” . info
التفاسير:

external-link copy
19 : 20

قَالَ أَلۡقِهَا يَٰمُوسَىٰ

(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.” info
التفاسير:

external-link copy
20 : 20

فَأَلۡقَىٰهَا فَإِذَا هِيَ حَيَّةٞ تَسۡعَىٰ

Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigdu taate. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 20

قَالَ خُذۡهَا وَلَا تَخَفۡۖ سَنُعِيدُهَا سِيرَتَهَا ٱلۡأُولَىٰ

(Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatin; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 20

وَٱضۡمُمۡ يَدَكَ إِلَىٰ جَنَاحِكَ تَخۡرُجۡ بَيۡضَآءَ مِنۡ غَيۡرِ سُوٓءٍ ءَايَةً أُخۡرَىٰ

Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi, adii taatee baati dhibee (tokko) malee, Mallattoo biraati. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 20

لِنُرِيَكَ مِنۡ ءَايَٰتِنَا ٱلۡكُبۡرَى

Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa si agarsiisuufi. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 20

ٱذۡهَبۡ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ

Gara Fir’awnaa deemi, inni daangaa dabree jira. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 20

قَالَ رَبِّ ٱشۡرَحۡ لِي صَدۡرِي

(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 20

وَيَسِّرۡ لِيٓ أَمۡرِي

Hojii kiyyaas naaf laaffisi. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 20

وَٱحۡلُلۡ عُقۡدَةٗ مِّن لِّسَانِي

Hidhaa (Cabaqa) arraba kiyya irraa hiiki. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 20

يَفۡقَهُواْ قَوۡلِي

Jecha kiyya haa hubatanii. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 20

وَٱجۡعَل لِّي وَزِيرٗا مِّنۡ أَهۡلِي

Maatii kiyya irraa gargaaraa (qondaala) naaf godhi. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 20

هَٰرُونَ أَخِي

Haaruun obboleessa kiyya. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 20

ٱشۡدُدۡ بِهِۦٓ أَزۡرِي

Isaan irree kiyya cimsi. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 20

وَأَشۡرِكۡهُ فِيٓ أَمۡرِي

Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 20

كَيۡ نُسَبِّحَكَ كَثِيرٗا

Akka baay’ee si faarsinuuf. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 20

وَنَذۡكُرَكَ كَثِيرًا

Akka baay’inaanis si yaadannuuf. info
التفاسير:

external-link copy
35 : 20

إِنَّكَ كُنتَ بِنَا بَصِيرٗا

Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.” info
التفاسير:

external-link copy
36 : 20

قَالَ قَدۡ أُوتِيتَ سُؤۡلَكَ يَٰمُوسَىٰ

(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta. info
التفاسير:

external-link copy
37 : 20

وَلَقَدۡ مَنَنَّا عَلَيۡكَ مَرَّةً أُخۡرَىٰٓ

Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre. info
التفاسير: