د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور

د مخ نمبر:close

external-link copy
28 : 17

وَإِمَّا تُعۡرِضَنَّ عَنۡهُمُ ٱبۡتِغَآءَ رَحۡمَةٖ مِّن رَّبِّكَ تَرۡجُوهَا فَقُل لَّهُمۡ قَوۡلٗا مَّيۡسُورٗا

Yoo kennaa Gooftaa kee irraa ta’e kan isii kajeeltu barbaaduuf jecha isaan irraa gara galte, jecha laafaa isaaniin jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 17

وَلَا تَجۡعَلۡ يَدَكَ مَغۡلُولَةً إِلَىٰ عُنُقِكَ وَلَا تَبۡسُطۡهَا كُلَّ ٱلۡبَسۡطِ فَتَقۡعُدَ مَلُومٗا مَّحۡسُورًا

Harka keeti gara morma keetiitti sakaalamaa hin godhin. Diriirinsa hundas isa hin diriirsin. Komatamaa, sheena’aa taatee teessa. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 17

إِنَّ رَبَّكَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ إِنَّهُۥ كَانَ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرَۢا بَصِيرٗا

Dhugumatti Gooftaan kee hiree nama fedheef ni bal’isa; (nama fedhe irratti) ni dhiphisas. Dhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 17

وَلَا تَقۡتُلُوٓاْ أَوۡلَٰدَكُمۡ خَشۡيَةَ إِمۡلَٰقٖۖ نَّحۡنُ نَرۡزُقُهُمۡ وَإِيَّاكُمۡۚ إِنَّ قَتۡلَهُمۡ كَانَ خِطۡـٔٗا كَبِيرٗا

Ilmaan keessan sodaa hiyyummaatiif jecha hin ajjeesinaa. Isaaniifi isinis Nutu soora. Dhugumatti, isaan ajjeesuun badii guddaa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 17

وَلَا تَقۡرَبُواْ ٱلزِّنَىٰٓۖ إِنَّهُۥ كَانَ فَٰحِشَةٗ وَسَآءَ سَبِيلٗا

Sagaagalummaattis hin dhihaatinaa. Dhugumatti, inni (hojii) fokkataafi ta’ee jira, waa hammaatee karaa tahuun isaa. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 17

وَلَا تَقۡتُلُواْ ٱلنَّفۡسَ ٱلَّتِي حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۗ وَمَن قُتِلَ مَظۡلُومٗا فَقَدۡ جَعَلۡنَا لِوَلِيِّهِۦ سُلۡطَٰنٗا فَلَا يُسۡرِف فِّي ٱلۡقَتۡلِۖ إِنَّهُۥ كَانَ مَنصُورٗا

Lubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaa. Nama roorroon ajjeefame nama isa dhaaluuf aangoo (dhiiga gaafachuu isaaf) kenninee jirra. Ajjeechaa keessatti daangaa hin dabrin. Dhugumatti, inni tumsamaa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 17

وَلَا تَقۡرَبُواْ مَالَ ٱلۡيَتِيمِ إِلَّا بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ حَتَّىٰ يَبۡلُغَ أَشُدَّهُۥۚ وَأَوۡفُواْ بِٱلۡعَهۡدِۖ إِنَّ ٱلۡعَهۡدَ كَانَ مَسۡـُٔولٗا

Qabeenya yatiimaa, kaayyoo gaariif malee hanga inni cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa. Waadaa guutaa. Dhugumatti, waadaan gaafatamaa ta’ee jira. info
التفاسير:

external-link copy
35 : 17

وَأَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ إِذَا كِلۡتُمۡ وَزِنُواْ بِٱلۡقِسۡطَاسِ ٱلۡمُسۡتَقِيمِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٞ وَأَحۡسَنُ تَأۡوِيلٗا

Yeroo safartanis safara guutaa. Madaala qajeelaa ta’eenis madaalaa. Kun waan gaariidha; booddeen isaas bareedaadha. info
التفاسير:

external-link copy
36 : 17

وَلَا تَقۡفُ مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٌۚ إِنَّ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡبَصَرَ وَٱلۡفُؤَادَ كُلُّ أُوْلَٰٓئِكَ كَانَ عَنۡهُ مَسۡـُٔولٗا

Waan beekumsa isaa hin qabne hin hordofin. Dhugumatti, dhageettiin argaaniifi onneenis, kun hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
37 : 17

وَلَا تَمۡشِ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَرَحًاۖ إِنَّكَ لَن تَخۡرِقَ ٱلۡأَرۡضَ وَلَن تَبۡلُغَ ٱلۡجِبَالَ طُولٗا

Dachii keessas boonaa hin deemin. Dhugumatti, ati dachii hin urtu; dheerinnaanis gaarreen hin geessu. info
التفاسير:

external-link copy
38 : 17

كُلُّ ذَٰلِكَ كَانَ سَيِّئُهُۥ عِندَ رَبِّكَ مَكۡرُوهٗا

Kun hundi yakki isaa Gooftaa kee biratti jibbamaa ta’eera. info
التفاسير: