ߞߎ߬ߙߣߊ߬ ߞߟߊߒߞߋ ߞߘߐ ߟߎ߬ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߏߙߏ߯ߡߏߞߊ߲ ߘߟߊߡߌߘߊ - ߜ߭ߊ߯ߟߌ߯ ߊߓߊ߯ߓߎ߯ߙ ߓߟߏ߫

ߞߐߜߍ ߝߙߍߕߍ:close

external-link copy
23 : 33

مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ رِجَالٞ صَدَقُواْ مَا عَٰهَدُواْ ٱللَّهَ عَلَيۡهِۖ فَمِنۡهُم مَّن قَضَىٰ نَحۡبَهُۥ وَمِنۡهُم مَّن يَنتَظِرُۖ وَمَا بَدَّلُواْ تَبۡدِيلٗا

Mu’uminoota irraa dhiirota waan irratti waadaa Rabbiif galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraa nama eeggataa jirutu jira. Jijjiirraa (kamillee) hin jijjiirre. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 33

لِّيَجۡزِيَ ٱللَّهُ ٱلصَّٰدِقِينَ بِصِدۡقِهِمۡ وَيُعَذِّبَ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ إِن شَآءَ أَوۡ يَتُوبَ عَلَيۡهِمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا

Akka Rabbiin warra dhugaa dubbatan dhugaa isaaniitiin mindeessuufi munaafiqootas yoo fedhe akka adabuuf yookiin tawbaa isaanii akka irraa qeebaluuf (kana godhan). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 33

وَرَدَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِغَيۡظِهِمۡ لَمۡ يَنَالُواْ خَيۡرٗاۚ وَكَفَى ٱللَّهُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱلۡقِتَالَۚ وَكَانَ ٱللَّهُ قَوِيًّا عَزِيزٗا

Rabbiin isaan kafaran dallansuu isaaniitiin odoo toltuu tokkollee hin argatin isaan deebise. Mu’uminootas Rabbiin lola (irraa) isaaniif ga’eera. Allaahn jabaa, injifataa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 33

وَأَنزَلَ ٱلَّذِينَ ظَٰهَرُوهُم مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ مِن صَيَاصِيهِمۡ وَقَذَفَ فِي قُلُوبِهِمُ ٱلرُّعۡبَ فَرِيقٗا تَقۡتُلُونَ وَتَأۡسِرُونَ فَرِيقٗا

(Rabbiin) abbootii kitaabaa irraa warra isaan (kaafiroota) gargaaran mooraa isaanii irraa isaan buusee, onneewwan isaanii keessatti sodaa darbe. Garii isaanii ni ajjeeftu; garii isaanii immoo ni boojitu. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 33

وَأَوۡرَثَكُمۡ أَرۡضَهُمۡ وَدِيَٰرَهُمۡ وَأَمۡوَٰلَهُمۡ وَأَرۡضٗا لَّمۡ تَطَـُٔوهَاۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٗا

Dachii isaanii, manneen isaanii, qabeenya isaaniitiifi dachii isin gubbaa hin ejjatiniis isin dhaalchise. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 33

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ قُل لِّأَزۡوَٰجِكَ إِن كُنتُنَّ تُرِدۡنَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا وَزِينَتَهَا فَتَعَالَيۡنَ أُمَتِّعۡكُنَّ وَأُسَرِّحۡكُنَّ سَرَاحٗا جَمِيلٗا

Yaa nabiyyichaa! Niitolii teetiin jedhi “jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee kan feetan yoo taataniif, kottaa waan ittiin qananiitan isiniif kenneen, gadi dhiisuu bareedaa ta’e isin gadi dhiisa”. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 33

وَإِن كُنتُنَّ تُرِدۡنَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَٱلدَّارَ ٱلۡأٓخِرَةَ فَإِنَّ ٱللَّهَ أَعَدَّ لِلۡمُحۡسِنَٰتِ مِنكُنَّ أَجۡرًا عَظِيمٗا

Rabbiin, ergamaa Isaatiifi mana Aakhiraa kan filattan yoo taatan immoo, isin irraa warra toltuu hojjataniif Rabbiin mindaa guddaa qopheessee jira. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 33

يَٰنِسَآءَ ٱلنَّبِيِّ مَن يَأۡتِ مِنكُنَّ بِفَٰحِشَةٖ مُّبَيِّنَةٖ يُضَٰعَفۡ لَهَا ٱلۡعَذَابُ ضِعۡفَيۡنِۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٗا

Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin irraa namni badii ifa galtuu taateen dhufe (raawwate), adabbiin dachaa lama isheetti godhama. Kun Rabbi irratti laafaa ta’eera. info
التفاسير: