पवित्र कुरअानको अर्थको अनुवाद - ओरोमो अनुवाद : घाली अपापुर अपागोना

Alwaaqi’aa

external-link copy
1 : 56

إِذَا وَقَعَتِ ٱلۡوَاقِعَةُ

Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) buute. info
التفاسير:

external-link copy
2 : 56

لَيۡسَ لِوَقۡعَتِهَا كَاذِبَةٌ

Argama isheetiif kijibsiiftuun hin jirtu. info
التفاسير:

external-link copy
3 : 56

خَافِضَةٞ رَّافِعَةٌ

Gadi qabduu, ol fuutuudha. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 56

إِذَا رُجَّتِ ٱلۡأَرۡضُ رَجّٗا

Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 56

وَبُسَّتِ ٱلۡجِبَالُ بَسّٗا

(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte, info
التفاسير:

external-link copy
6 : 56

فَكَانَتۡ هَبَآءٗ مُّنۢبَثّٗا

Dhukkee facaafamtuu taate, info
التفاسير:

external-link copy
7 : 56

وَكُنتُمۡ أَزۡوَٰجٗا ثَلَٰثَةٗ

(Yeroo) Isinis garee sadi taatan, info
التفاسير:

external-link copy
8 : 56

فَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ

(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)! info
التفاسير:

external-link copy
9 : 56

وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ

(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)! info
التفاسير:

external-link copy
10 : 56

وَٱلسَّٰبِقُونَ ٱلسَّٰبِقُونَ

(toltutti) dursitoonni (jannatatti) surditoota. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 56

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡمُقَرَّبُونَ

Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 56

فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ

Jannatoota qananii keessatti ta’u. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 56

ثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ

Warra duraa irraa baay’eedha. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 56

وَقَلِيلٞ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ

Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 56

عَلَىٰ سُرُرٖ مَّوۡضُونَةٖ

Sireewwan dhawamte irratti ta’u. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 56

مُّتَّكِـِٔينَ عَلَيۡهَا مُتَقَٰبِلِينَ

Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti irkatoo tahanii. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 56

يَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنٞ مُّخَلَّدُونَ

Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 56

بِأَكۡوَابٖ وَأَبَارِيقَ وَكَأۡسٖ مِّن مَّعِينٖ

Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 56

لَّا يُصَدَّعُونَ عَنۡهَا وَلَا يُنزِفُونَ

Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 56

وَفَٰكِهَةٖ مِّمَّا يَتَخَيَّرُونَ

Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u). info
التفاسير:

external-link copy
21 : 56

وَلَحۡمِ طَيۡرٖ مِّمَّا يَشۡتَهُونَ

Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 56

وَحُورٌ عِينٞ

Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.) info
التفاسير:

external-link copy
23 : 56

كَأَمۡثَٰلِ ٱللُّؤۡلُوِٕ ٱلۡمَكۡنُونِ

Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 56

جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ

Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone). info
التفاسير:

external-link copy
25 : 56

لَا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوٗا وَلَا تَأۡثِيمًا

Isii (jannata) keessatti wacaafi wal yakkuu hin dhaga’an. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 56

إِلَّا قِيلٗا سَلَٰمٗا سَلَٰمٗا

“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an). info
التفاسير:

external-link copy
27 : 56

وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ

Warri mirgaa; warra mirgaa (waa’een isaanii akkam tola!). info
التفاسير:

external-link copy
28 : 56

فِي سِدۡرٖ مَّخۡضُودٖ

(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 56

وَطَلۡحٖ مَّنضُودٖ

Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu). info
التفاسير:

external-link copy
30 : 56

وَظِلّٖ مَّمۡدُودٖ

Gaaddisa diriirfamaa (keessa). info
التفاسير:

external-link copy
31 : 56

وَمَآءٖ مَّسۡكُوبٖ

Bishaan dhangala’u (biratti). info
التفاسير:

external-link copy
32 : 56

وَفَٰكِهَةٖ كَثِيرَةٖ

Fuduraalee baay’ee (keessa). info
التفاسير:

external-link copy
33 : 56

لَّا مَقۡطُوعَةٖ وَلَا مَمۡنُوعَةٖ

Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa). info
التفاسير:

external-link copy
34 : 56

وَفُرُشٖ مَّرۡفُوعَةٍ

Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.) info
التفاسير:

external-link copy
35 : 56

إِنَّآ أَنشَأۡنَٰهُنَّ إِنشَآءٗ

Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne. info
التفاسير:

external-link copy
36 : 56

فَجَعَلۡنَٰهُنَّ أَبۡكَارًا

Dubroota isaan goone. info
التفاسير:

external-link copy
37 : 56

عُرُبًا أَتۡرَابٗا

Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone). info
التفاسير:

external-link copy
38 : 56

لِّأَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ

Warreen mirgaatiif (qophaa’an). info
التفاسير:

external-link copy
39 : 56

ثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ

Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi. info
التفاسير:

external-link copy
40 : 56

وَثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ

Warra boodaa irraahis baay’eedha. info
التفاسير:

external-link copy
41 : 56

وَأَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ

Warra bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)! info
التفاسير:

external-link copy
42 : 56

فِي سَمُومٖ وَحَمِيمٖ

Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu. info
التفاسير:

external-link copy
43 : 56

وَظِلّٖ مِّن يَحۡمُومٖ

Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa. info
التفاسير:

external-link copy
44 : 56

لَّا بَارِدٖ وَلَا كَرِيمٍ

(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in. info
التفاسير:

external-link copy
45 : 56

إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُتۡرَفِينَ

Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan. info
التفاسير:

external-link copy
46 : 56

وَكَانُواْ يُصِرُّونَ عَلَى ٱلۡحِنثِ ٱلۡعَظِيمِ

Dilii guddaa itti fufu turan. info
التفاسير:

external-link copy
47 : 56

وَكَانُواْ يَقُولُونَ أَئِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ

“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan. info
التفاسير:

external-link copy
48 : 56

أَوَءَابَآؤُنَا ٱلۡأَوَّلُونَ

“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan). info
التفاسير:

external-link copy
49 : 56

قُلۡ إِنَّ ٱلۡأَوَّلِينَ وَٱلۡأٓخِرِينَ

“(Yaa Muhammad!) jedhiin isaan jalqabaatii fii isaan boodaas (ni kaafamu)”. info
التفاسير:

external-link copy
50 : 56

لَمَجۡمُوعُونَ إِلَىٰ مِيقَٰتِ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ

Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
51 : 56

ثُمَّ إِنَّكُمۡ أَيُّهَا ٱلضَّآلُّونَ ٱلۡمُكَذِّبُونَ

Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa! info
التفاسير:

external-link copy
52 : 56

لَأٓكِلُونَ مِن شَجَرٖ مِّن زَقُّومٖ

Muka Zaqquum irraa nyaatoodha. info
التفاسير:

external-link copy
53 : 56

فَمَالِـُٔونَ مِنۡهَا ٱلۡبُطُونَ

Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha. info
التفاسير:

external-link copy
54 : 56

فَشَٰرِبُونَ عَلَيۡهِ مِنَ ٱلۡحَمِيمِ

Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha. info
التفاسير:

external-link copy
55 : 56

فَشَٰرِبُونَ شُرۡبَ ٱلۡهِيمِ

Dhugaatii akka gaala dheebotee dhugdu. info
التفاسير:

external-link copy
56 : 56

هَٰذَا نُزُلُهُمۡ يَوۡمَ ٱلدِّينِ

Kun keessummummaa isaanii kan guyyaa murtiiti. info
التفاسير:

external-link copy
57 : 56

نَحۡنُ خَلَقۡنَٰكُمۡ فَلَوۡلَا تُصَدِّقُونَ

Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine? info
التفاسير:

external-link copy
58 : 56

أَفَرَءَيۡتُم مَّا تُمۡنُونَ

Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa? info
التفاسير:

external-link copy
59 : 56

ءَأَنتُمۡ تَخۡلُقُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡخَٰلِقُونَ

Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha? info
التفاسير:

external-link copy
60 : 56

نَحۡنُ قَدَّرۡنَا بَيۡنَكُمُ ٱلۡمَوۡتَ وَمَا نَحۡنُ بِمَسۡبُوقِينَ

Nutu du’a gidduu keessanitti murteesse. Nuti dadhabsiifamoo miti. info
التفاسير:

external-link copy
61 : 56

عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ أَمۡثَٰلَكُمۡ وَنُنشِئَكُمۡ فِي مَا لَا تَعۡلَمُونَ

Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti). info
التفاسير:

external-link copy
62 : 56

وَلَقَدۡ عَلِمۡتُمُ ٱلنَّشۡأَةَ ٱلۡأُولَىٰ فَلَوۡلَا تَذَكَّرُونَ

Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne? info
التفاسير:

external-link copy
63 : 56

أَفَرَءَيۡتُم مَّا تَحۡرُثُونَ

Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa! info
التفاسير:

external-link copy
64 : 56

ءَأَنتُمۡ تَزۡرَعُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلزَّٰرِعُونَ

Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha? info
التفاسير:

external-link copy
65 : 56

لَوۡ نَشَآءُ لَجَعَلۡنَٰهُ حُطَٰمٗا فَظَلۡتُمۡ تَفَكَّهُونَ

Odoo feenee caccabaa goona. kan dinqisiifattan taatan. info
التفاسير:

external-link copy
66 : 56

إِنَّا لَمُغۡرَمُونَ

“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu). info
التفاسير:

external-link copy
67 : 56

بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ

“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu). info
التفاسير:

external-link copy
68 : 56

أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلۡمَآءَ ٱلَّذِي تَشۡرَبُونَ

Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa? info
التفاسير:

external-link copy
69 : 56

ءَأَنتُمۡ أَنزَلۡتُمُوهُ مِنَ ٱلۡمُزۡنِ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنزِلُونَ

Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha? info
التفاسير:

external-link copy
70 : 56

لَوۡ نَشَآءُ جَعَلۡنَٰهُ أُجَاجٗا فَلَوۡلَا تَشۡكُرُونَ

Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifna. Sila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne? info
التفاسير:

external-link copy
71 : 56

أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلنَّارَ ٱلَّتِي تُورُونَ

Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa? info
التفاسير:

external-link copy
72 : 56

ءَأَنتُمۡ أَنشَأۡتُمۡ شَجَرَتَهَآ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنشِـُٔونَ

Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha? info
التفاسير:

external-link copy
73 : 56

نَحۡنُ جَعَلۡنَٰهَا تَذۡكِرَةٗ وَمَتَٰعٗا لِّلۡمُقۡوِينَ

Nuti isii (bidda tana) gorsaafi qananii imaltootaa goone. info
التفاسير:

external-link copy
74 : 56

فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ

Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi. info
التفاسير:

external-link copy
75 : 56

۞ فَلَآ أُقۡسِمُ بِمَوَٰقِعِ ٱلنُّجُومِ

Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha. info
التفاسير:

external-link copy
76 : 56

وَإِنَّهُۥ لَقَسَمٞ لَّوۡ تَعۡلَمُونَ عَظِيمٌ

Inni odoo beektanii kakuu guddaadha. info
التفاسير:

external-link copy
77 : 56

إِنَّهُۥ لَقُرۡءَانٞ كَرِيمٞ

Inni Qur’aana kabajamaadha. info
التفاسير:

external-link copy
78 : 56

فِي كِتَٰبٖ مَّكۡنُونٖ

Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira. info
التفاسير:

external-link copy
79 : 56

لَّا يَمَسُّهُۥٓ إِلَّا ٱلۡمُطَهَّرُونَ

Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu. info
التفاسير:

external-link copy
80 : 56

تَنزِيلٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha. info
التفاسير:

external-link copy
81 : 56

أَفَبِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَنتُم مُّدۡهِنُونَ

Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan? info
التفاسير:

external-link copy
82 : 56

وَتَجۡعَلُونَ رِزۡقَكُمۡ أَنَّكُمۡ تُكَذِّبُونَ

(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii? info
التفاسير:

external-link copy
83 : 56

فَلَوۡلَآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلۡحُلۡقُومَ

sila Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)? info
التفاسير:

external-link copy
84 : 56

وَأَنتُمۡ حِينَئِذٖ تَنظُرُونَ

Odoo yeroo san isin ilaaltanuu, info
التفاسير:

external-link copy
85 : 56

وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنكُمۡ وَلَٰكِن لَّا تُبۡصِرُونَ

Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra garuu Isin hin argitan malee. info
التفاسير:

external-link copy
86 : 56

فَلَوۡلَآ إِن كُنتُمۡ غَيۡرَ مَدِينِينَ

Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa). info
التفاسير:

external-link copy
87 : 56

تَرۡجِعُونَهَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ

Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu? info
التفاسير:

external-link copy
88 : 56

فَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ

Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e, info
التفاسير:

external-link copy
89 : 56

فَرَوۡحٞ وَرَيۡحَانٞ وَجَنَّتُ نَعِيمٖ

(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira. info
التفاسير:

external-link copy
90 : 56

وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ

Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo, info
التفاسير:

external-link copy
91 : 56

فَسَلَٰمٞ لَّكَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ

Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama) info
التفاسير:

external-link copy
92 : 56

وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُكَذِّبِينَ ٱلضَّآلِّينَ

Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo, info
التفاسير:

external-link copy
93 : 56

فَنُزُلٞ مِّنۡ حَمِيمٖ

Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira. info
التفاسير:

external-link copy
94 : 56

وَتَصۡلِيَةُ جَحِيمٍ

Jahiim seenuutu isaaf jira. info
التفاسير:

external-link copy
95 : 56

إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ حَقُّ ٱلۡيَقِينِ

Inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha. info
التفاسير:

external-link copy
96 : 56

فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ

Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi). info
التفاسير: