पवित्र कुरअानको अर्थको अनुवाद - ओरोमो अनुवाद : घाली अपापुर अपागोना

رقم الصفحة:close

external-link copy
46 : 5

وَقَفَّيۡنَا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم بِعِيسَى ٱبۡنِ مَرۡيَمَ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ مِنَ ٱلتَّوۡرَىٰةِۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡإِنجِيلَ فِيهِ هُدٗى وَنُورٞ وَمُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ مِنَ ٱلتَّوۡرَىٰةِ وَهُدٗى وَمَوۡعِظَةٗ لِّلۡمُتَّقِينَ

  Faana isaanii irratti Iisaa ilma Maryam hordofsiifne, haala waan isaan duraa Tawraat irraa ta'ee dhuga'oomsaa taheetiin. Injiiliin isaaf kennine, kan isa keessa qajeelfamniifi ifti jiru, dhugoomsaa waan isaan duraa Tawraat irraa ta'ee. qajeelfamaafi gorsa (Rabbi) sodaattotaaf info
التفاسير:

external-link copy
47 : 5

وَلۡيَحۡكُمۡ أَهۡلُ ٱلۡإِنجِيلِ بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فِيهِۚ وَمَن لَّمۡ يَحۡكُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ

Warri Injiil waan Rabbiin isa keessatti buuseen haa murteessanu; Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun finciltoota info
التفاسير:

external-link copy
48 : 5

وَأَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ وَمُهَيۡمِنًا عَلَيۡهِۖ فَٱحۡكُم بَيۡنَهُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُۖ وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَهُمۡ عَمَّا جَآءَكَ مِنَ ٱلۡحَقِّۚ لِكُلّٖ جَعَلۡنَا مِنكُمۡ شِرۡعَةٗ وَمِنۡهَاجٗاۚ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَعَلَكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَلَٰكِن لِّيَبۡلُوَكُمۡ فِي مَآ ءَاتَىٰكُمۡۖ فَٱسۡتَبِقُواْ ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ إِلَى ٱللَّهِ مَرۡجِعُكُمۡ جَمِيعٗا فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ فِيهِ تَخۡتَلِفُونَ

  Nuti kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. kan kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irratti tiksaa ta'ee. Waan Rabbiin buuseen gidduu isaaniitti murteessi. Dhugaa waan sitti dhufe irraa (dabuun) fedha lubbuu isaanii hin hordofin. Hundumaafuu seera shari’aatiifi karaa ifa ta’e taasifnee jirra. Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu waan isiniif kenne keessatti isin qormaatuuf (addaan isin baase). Hojii gaarii keessatti wal dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti, Waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan isinitti hima. info
التفاسير:

external-link copy
49 : 5

وَأَنِ ٱحۡكُم بَيۡنَهُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَهُمۡ وَٱحۡذَرۡهُمۡ أَن يَفۡتِنُوكَ عَنۢ بَعۡضِ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ إِلَيۡكَۖ فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَٱعۡلَمۡ أَنَّمَا يُرِيدُ ٱللَّهُ أَن يُصِيبَهُم بِبَعۡضِ ذُنُوبِهِمۡۗ وَإِنَّ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلنَّاسِ لَفَٰسِقُونَ

  Ammas "gidduu isaaniitti waan Rabbiin buuseen murteessi. Fedhii lubbuu isaanii hin hordofin. Garii waan Rabbiin gara keetti buusee irraas akka si hin deebifne isaan eeggadhu. " (jechuudhaan buufne). Yoo isaan (sirraa) gara galan, Rabbiin garii badii isaaniitiin isaan tuquu (adabuu) barbaada jechuu beeki. Dhugumatti, hedduun namoota irraa ta'e finciltoota. info
التفاسير:

external-link copy
50 : 5

أَفَحُكۡمَ ٱلۡجَٰهِلِيَّةِ يَبۡغُونَۚ وَمَنۡ أَحۡسَنُ مِنَ ٱللَّهِ حُكۡمٗا لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ

  Sila murtii 'jaahiliyyaa barbaaduu? Ummata hubannoo amantii qabaniif wanti Rabbi irra murtiin isaa miidhagaa hin jiru. info
التفاسير: