വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ

പേജ് നമ്പർ:close

external-link copy
195 : 3

فَٱسۡتَجَابَ لَهُمۡ رَبُّهُمۡ أَنِّي لَآ أُضِيعُ عَمَلَ عَٰمِلٖ مِّنكُم مِّن ذَكَرٍ أَوۡ أُنثَىٰۖ بَعۡضُكُم مِّنۢ بَعۡضٖۖ فَٱلَّذِينَ هَاجَرُواْ وَأُخۡرِجُواْ مِن دِيَٰرِهِمۡ وَأُوذُواْ فِي سَبِيلِي وَقَٰتَلُواْ وَقُتِلُواْ لَأُكَفِّرَنَّ عَنۡهُمۡ سَيِّـَٔاتِهِمۡ وَلَأُدۡخِلَنَّهُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ ثَوَابٗا مِّنۡ عِندِ ٱللَّهِۚ وَٱللَّهُ عِندَهُۥ حُسۡنُ ٱلثَّوَابِ

Gooftaan isaanii isaaniif awwaate “Ani dalagaa dalagataa isin irraa tahee kan dhiiraas ta’ee dhalaa hin balleessu, Gariin keessan garii irraayyi" (jedhe). Isaannan godaananii; manneen isaanii irraa baafamanii, karaa kiyya keessatti rakkifamanii, fi lolaniifi ajjeefaman, dhugumatti hamtuuwwan isaanii isaan irraa harcaasa, jannatoowwan laggeen jala ishee yaatu isaan seensisa. Mindaa Rabbiin biraa ta’e (mindeffaman). Rabbiin isa bira mindaa gaariitu jira. info
التفاسير:

external-link copy
196 : 3

لَا يَغُرَّنَّكَ تَقَلُّبُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي ٱلۡبِلَٰدِ

Dachii keessa garagaggaluun warra kafaranii si hin gowwoomsin. info
التفاسير:

external-link copy
197 : 3

مَتَٰعٞ قَلِيلٞ ثُمَّ مَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمِهَادُ

(Kun) qananii muraasa, Ergasii teesson isaanii jahannami, Afatichi waa hammaatee! info
التفاسير:

external-link copy
198 : 3

لَٰكِنِ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْ رَبَّهُمۡ لَهُمۡ جَنَّٰتٞ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا نُزُلٗا مِّنۡ عِندِ ٱللَّهِۗ وَمَا عِندَ ٱللَّهِ خَيۡرٞ لِّلۡأَبۡرَارِ

Garuu isaan Gooftaa isaanii sodaatan isaaniif ashaakiltiilee laggeen ishee jala yaatutu jira, ishee keessatti hafoodha. Affeerraa Rabbiin biraa ta’e (affeeraman). Waan Rabbin biraatu qulqullootaaf caalaadha. info
التفاسير:

external-link copy
199 : 3

وَإِنَّ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ لَمَن يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَمَآ أُنزِلَ إِلَيۡكُمۡ وَمَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِمۡ خَٰشِعِينَ لِلَّهِ لَا يَشۡتَرُونَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ ثَمَنٗا قَلِيلًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ أَجۡرُهُمۡ عِندَ رَبِّهِمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ

Warra kitaabaa irraa warra Rabbiitti amanantu jiru, waan gara keessanitti buufameefi waan gara isaaniitti buufamettis. Rabbiif of gadi qaban, Keeyyattoota Rabbii maallaqa xiqqaan hin jijjiirratan. Warri sun isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira jira. Dhugumatti, Rabbiin daddafsiisaa qormaataati. info
التفاسير:

external-link copy
200 : 3

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱصۡبِرُواْ وَصَابِرُواْ وَرَابِطُواْ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ

Yaa warra amantan! Obsaa; obsaan (diinota keessan) injifadhaa; karaa Rabbii keessattis of hidhaa.{1} Rabbiin sodaadhaa Akka milkooftaniif. info

1- dirree lolaatti kaarra eegaa yookaa wardiyyaa dhaabbadhaa.jechuudha.

التفاسير: