വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ

പേജ് നമ്പർ:close

external-link copy
39 : 29

وَقَٰرُونَ وَفِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَۖ وَلَقَدۡ جَآءَهُم مُّوسَىٰ بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا كَانُواْ سَٰبِقِينَ

Qaaruuniin, Fir’awniifi Haamaaniinis (balleessineerra). Dhugumatti, Muusaan ragaa ifa ta’een isaanitti dhufeeti, dachii keessatti boonan. (isaan qabne) Kan Nu jalaa miliqan hin taane info
التفاسير:

external-link copy
40 : 29

فَكُلًّا أَخَذۡنَا بِذَنۢبِهِۦۖ فَمِنۡهُم مَّنۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِ حَاصِبٗا وَمِنۡهُم مَّنۡ أَخَذَتۡهُ ٱلصَّيۡحَةُ وَمِنۡهُم مَّنۡ خَسَفۡنَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ وَمِنۡهُم مَّنۡ أَغۡرَقۡنَاۚ وَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيَظۡلِمَهُمۡ وَلَٰكِن كَانُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ يَظۡلِمُونَ

Hundumaa badii isaatiif isa qabne. Isaan irraa namoota bubbee cirrachaa irratti erginetu jira. Isaan irraas namoota iyyansi isaan qabetu jira. Isaan irraas namoota dachii ittiin kunnetu jira. Isaan irraas namoota bishaan nyaachifnetu jira. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan ta’aniiru. info
التفاسير:

external-link copy
41 : 29

مَثَلُ ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَوۡلِيَآءَ كَمَثَلِ ٱلۡعَنكَبُوتِ ٱتَّخَذَتۡ بَيۡتٗاۖ وَإِنَّ أَوۡهَنَ ٱلۡبُيُوتِ لَبَيۡتُ ٱلۡعَنكَبُوتِۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ

Fakkeenyi isaan Rabbii gaditti jaalalleewwan godhatanii (gabbaranii) akka birbirooftuu (saaphaphuu) mana ijaarratteeti. Dhugumatti irra laafaan manaa mana birbirooftuuti odoo kan beekan ta’anii. info
التفاسير:

external-link copy
42 : 29

إِنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ مِن شَيۡءٖۚ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Rabbiin waan hunda irraa waan isaan Isaa gaditti kadhatan ni beeka. Inni injifataa, ogeessa. info
التفاسير:

external-link copy
43 : 29

وَتِلۡكَ ٱلۡأَمۡثَٰلُ نَضۡرِبُهَا لِلنَّاسِۖ وَمَا يَعۡقِلُهَآ إِلَّا ٱلۡعَٰلِمُونَ

Fakkeenyota san namootaaf ishee ni goona; beektota malees ishee hin hubatu. info
التفاسير:

external-link copy
44 : 29

خَلَقَ ٱللَّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ

Rabbiin samiifi dachii dhugaan uume. sana keessa mu’uminootaaf mallattootu jira. info
التفاسير:

external-link copy
45 : 29

ٱتۡلُ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَۖ إِنَّ ٱلصَّلَوٰةَ تَنۡهَىٰ عَنِ ٱلۡفَحۡشَآءِ وَٱلۡمُنكَرِۗ وَلَذِكۡرُ ٱللَّهِ أَكۡبَرُۗ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا تَصۡنَعُونَ

(Yaa Muhammad!) kitaaba irraa waan gara kee buufame dubbisi. Salaatas haqa isaa guutii sagadi. salaanni wantoota fokkatoofi jibbamoo ta’an irraa dhorgiti. Zikrii (faaruu) Rabbiitu (waan hunda irra) guddaadha. Rabbiin waan isin hojjattan ni beeka. info
التفاسير: