വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ

പേജ് നമ്പർ:close

external-link copy
62 : 10

أَلَآ إِنَّ أَوۡلِيَآءَ ٱللَّهِ لَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ

Dhagayaa! Dhugumatti, jaalalleewwan Rabbii sodaan isaan irra hin jiraatu; isaan hin gaddanis. info
التفاسير:

external-link copy
63 : 10

ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ

Isaan warra amananii, (Rabbiin) sodaachaa turaniidha. info
التفاسير:

external-link copy
64 : 10

لَهُمُ ٱلۡبُشۡرَىٰ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِۚ لَا تَبۡدِيلَ لِكَلِمَٰتِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ

Isaaniif jireenya addunyaa keessatti ta’ee kan Aakhiraa keessatti gammachuutu jira. Jechoota Rabbii jijjiiraan hin jiru. Sun isumatu milkii guddaadha. info
التفاسير:

external-link copy
65 : 10

وَلَا يَحۡزُنكَ قَوۡلُهُمۡۘ إِنَّ ٱلۡعِزَّةَ لِلَّهِ جَمِيعًاۚ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ

Jechi isaanii si hin gaddisiisin. Dhugumatti, jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Inni dhaga’aa, beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
66 : 10

أَلَآ إِنَّ لِلَّهِ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَمَا يَتَّبِعُ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ شُرَكَآءَۚ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّ وَإِنۡ هُمۡ إِلَّا يَخۡرُصُونَ

Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan Rabbiiti. Isaan Rabbiin ala wantoota biraa gabbaran, dhugaatti qindiifamoota hin hordofanu. hinhordofan mamii malee. isaan kijiba qofa uumanii odeessoo malee hintaane. info
التفاسير:

external-link copy
67 : 10

هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِتَسۡكُنُواْ فِيهِ وَٱلنَّهَارَ مُبۡصِرًاۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَسۡمَعُونَ

Inni (Rabbiin) Isa halkan akka isa keessa boqattan, isiniif taasiseedha, guyyaas immoo kan ibsu. Dhugumatti, kana keessa namoota dhagayaniif mallattooleetu jira. info
التفاسير:

external-link copy
68 : 10

قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدٗاۗ سُبۡحَٰنَهُۥۖ هُوَ ٱلۡغَنِيُّۖ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ إِنۡ عِندَكُم مِّن سُلۡطَٰنِۭ بِهَٰذَآۚ أَتَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ

“Rabbiin ilma godhate” jedhu. Inni (kana) irraa qulqullaa’ee jira. Inni durreessa, Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan Isaati, Kanatti ragaa homaatuu hin qabdan. Sila waan hin beekne Rabbi irratti jettuu? info
التفاسير:

external-link copy
69 : 10

قُلۡ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَ لَا يُفۡلِحُونَ

“Dhugumatti, isaan Rabbi irratti kijiba uumanu hin milkaa’anu” jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
70 : 10

مَتَٰعٞ فِي ٱلدُّنۡيَا ثُمَّ إِلَيۡنَا مَرۡجِعُهُمۡ ثُمَّ نُذِيقُهُمُ ٱلۡعَذَابَ ٱلشَّدِيدَ بِمَا كَانُواْ يَكۡفُرُونَ

(Kun) qananii addunyaa keessatti taateedha. Ergasii deebiin isaanii gara keenyatti qofa ta’a, Ergasii waan isaan kafaraa turaniif adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna. info
التفاسير: