ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್

Almuxaffifiin

external-link copy
1 : 83

وَيۡلٞ لِّلۡمُطَفِّفِينَ

Salaabiiwwaniif (warra safara hir’isuuf) badiin haa ta’u! info
التفاسير:

external-link copy
2 : 83

ٱلَّذِينَ إِذَا ٱكۡتَالُواْ عَلَى ٱلنَّاسِ يَسۡتَوۡفُونَ

Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan, info
التفاسير:

external-link copy
3 : 83

وَإِذَا كَالُوهُمۡ أَو وَّزَنُوهُمۡ يُخۡسِرُونَ

Kan Yeroo namootaaf safaran yookiin miizaanan immoo hir’isan. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 83

أَلَا يَظُنُّ أُوْلَٰٓئِكَ أَنَّهُم مَّبۡعُوثُونَ

Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii? info
التفاسير:

external-link copy
5 : 83

لِيَوۡمٍ عَظِيمٖ

Guyyaa guddaadhaaf. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 83

يَوۡمَ يَقُومُ ٱلنَّاسُ لِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu. info
التفاسير:

external-link copy
7 : 83

كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلۡفُجَّارِ لَفِي سِجِّينٖ

Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a. info
التفاسير:

external-link copy
8 : 83

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا سِجِّينٞ

"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise? info
التفاسير:

external-link copy
9 : 83

كِتَٰبٞ مَّرۡقُومٞ

Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama). info
التفاسير:

external-link copy
10 : 83

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 83

ٱلَّذِينَ يُكَذِّبُونَ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ

Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 83

وَمَا يُكَذِّبُ بِهِۦٓ إِلَّا كُلُّ مُعۡتَدٍ أَثِيمٍ

Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 83

إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ

Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte "ogbarruu warra duriiti" jedha. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 83

كَلَّاۖ بَلۡۜ رَانَ عَلَىٰ قُلُوبِهِم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ

Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 83

كَلَّآ إِنَّهُمۡ عَن رَّبِّهِمۡ يَوۡمَئِذٖ لَّمَحۡجُوبُونَ

Haadhoorgamanii! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 83

ثُمَّ إِنَّهُمۡ لَصَالُواْ ٱلۡجَحِيمِ

Ergasii isaan ibidda seenoodha. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 83

ثُمَّ يُقَالُ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ

Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 83

كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلۡأَبۡرَارِ لَفِي عِلِّيِّينَ

Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessatti ta'aadha. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 83

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا عِلِّيُّونَ

"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise? info
التفاسير:

external-link copy
20 : 83

كِتَٰبٞ مَّرۡقُومٞ

Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame). info
التفاسير:

external-link copy
21 : 83

يَشۡهَدُهُ ٱلۡمُقَرَّبُونَ

Warra Rabbitti dhiheeffamantu isa arga. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 83

إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ لَفِي نَعِيمٍ

Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananiilee keessa jiraatu. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 83

عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ

Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 83

تَعۡرِفُ فِي وُجُوهِهِمۡ نَضۡرَةَ ٱلنَّعِيمِ

Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 83

يُسۡقَوۡنَ مِن رَّحِيقٖ مَّخۡتُومٍ

Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 83

خِتَٰمُهُۥ مِسۡكٞۚ وَفِي ذَٰلِكَ فَلۡيَتَنَافَسِ ٱلۡمُتَنَٰفِسُونَ

Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 83

وَمِزَاجُهُۥ مِن تَسۡنِيمٍ

Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 83

عَيۡنٗا يَشۡرَبُ بِهَا ٱلۡمُقَرَّبُونَ

(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 83

إِنَّ ٱلَّذِينَ أَجۡرَمُواْ كَانُواْ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ يَضۡحَكُونَ

Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 83

وَإِذَا مَرُّواْ بِهِمۡ يَتَغَامَزُونَ

Yeroo isaan bira dabran wal akeeku. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 83

وَإِذَا ٱنقَلَبُوٓاْ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِمُ ٱنقَلَبُواْ فَكِهِينَ

Yeroo gara maatii isaanii deebi'an gammadaa deebi’u. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 83

وَإِذَا رَأَوۡهُمۡ قَالُوٓاْ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَضَآلُّونَ

Yeroo isaan argan "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 83

وَمَآ أُرۡسِلُواْ عَلَيۡهِمۡ حَٰفِظِينَ

Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 83

فَٱلۡيَوۡمَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مِنَ ٱلۡكُفَّارِ يَضۡحَكُونَ

Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa. info
التفاسير:

external-link copy
35 : 83

عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ

Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu. info
التفاسير:

external-link copy
36 : 83

هَلۡ ثُوِّبَ ٱلۡكُفَّارُ مَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ

"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu]. info
التفاسير: