ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್

ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ:close

external-link copy
82 : 6

ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَلَمۡ يَلۡبِسُوٓاْ إِيمَٰنَهُم بِظُلۡمٍ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱلۡأَمۡنُ وَهُم مُّهۡتَدُونَ

Isaannan amananii, iimaana isaanii shirkiidhaan hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaan qajeelfamoodha. info
التفاسير:

external-link copy
83 : 6

وَتِلۡكَ حُجَّتُنَآ ءَاتَيۡنَٰهَآ إِبۡرَٰهِيمَ عَلَىٰ قَوۡمِهِۦۚ نَرۡفَعُ دَرَجَٰتٖ مَّن نَّشَآءُۗ إِنَّ رَبَّكَ حَكِيمٌ عَلِيمٞ

Isheen tun ragaa keenya. Ibraahiimiif ummata isaa irratti kenninee jirra. Nama feenes sadarkaawwan keessatti ol fuuna. Dhugumatti, Gooftaan kee ogeessa, beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
84 : 6

وَوَهَبۡنَا لَهُۥٓ إِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۚ كُلًّا هَدَيۡنَاۚ وَنُوحًا هَدَيۡنَا مِن قَبۡلُۖ وَمِن ذُرِّيَّتِهِۦ دَاوُۥدَ وَسُلَيۡمَٰنَ وَأَيُّوبَ وَيُوسُفَ وَمُوسَىٰ وَهَٰرُونَۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ

Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennine. Hundaahuu ni qajeelchine, Sana duras Nuuhiin qajeelchinee jirra. Sanyii isaa irraas Daawuud, Sulaymaan, Ayyuub, Yuusuf, Muusaafi Haaruunin (qajeelchinee jirra). Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina. info
التفاسير:

external-link copy
85 : 6

وَزَكَرِيَّا وَيَحۡيَىٰ وَعِيسَىٰ وَإِلۡيَاسَۖ كُلّٞ مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Zakariyyaa, Yahyaa, Iisaafi Ilyaasiinis (ni qajeelchine). Hundinuu gaggaarii irraayyi. info
التفاسير:

external-link copy
86 : 6

وَإِسۡمَٰعِيلَ وَٱلۡيَسَعَ وَيُونُسَ وَلُوطٗاۚ وَكُلّٗا فَضَّلۡنَا عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ

Ismaa’il, Yasa’i, Yuunusiifi Luuxiinis (qajeelchine). Hundaayyuu aalamoota irra caalchifne. info
التفاسير:

external-link copy
87 : 6

وَمِنۡ ءَابَآئِهِمۡ وَذُرِّيَّٰتِهِمۡ وَإِخۡوَٰنِهِمۡۖ وَٱجۡتَبَيۡنَٰهُمۡ وَهَدَيۡنَٰهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ

Abbootii isaanii, ilmaan isaaniifi obboleeyyan isaanii irraas (qajeelchine). Isaan fillee, gara karaa qajeelaa isaan qajeelchinee jirra. info
التفاسير:

external-link copy
88 : 6

ذَٰلِكَ هُدَى ٱللَّهِ يَهۡدِي بِهِۦ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦۚ وَلَوۡ أَشۡرَكُواْ لَحَبِطَ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ

Kun qajeelloo Rabbiiti. Gabroota isaa irraa nama fedhe isaan qajeelcha. Odoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada. info
التفاسير:

external-link copy
89 : 6

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ ءَاتَيۡنَٰهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحُكۡمَ وَٱلنُّبُوَّةَۚ فَإِن يَكۡفُرۡ بِهَا هَٰٓؤُلَآءِ فَقَدۡ وَكَّلۡنَا بِهَا قَوۡمٗا لَّيۡسُواْ بِهَا بِكَٰفِرِينَ

Isaan warra nuti kitaaba, ogummaafi nabiyyummaa isaaniif kennineedha, Yoo isaan kun (warri Makkaa) isheetti kafaran, dhugumatti Nuti namoota isheetti kafaroo hintahin isheef qopheessineerra. info
التفاسير:

external-link copy
90 : 6

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ هَدَى ٱللَّهُۖ فَبِهُدَىٰهُمُ ٱقۡتَدِهۡۗ قُل لَّآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ أَجۡرًاۖ إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرَىٰ لِلۡعَٰلَمِينَ

Isaan warra Rabbiin qajeelcheedha. Qajeelfama isaanii hordofi. jedhi Ani isa irratti mindaa isin hin gaafadhu, Inni aalamootaaf yaadannoo malee waanbiraatii miti. info
التفاسير: