ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್

ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ:close

external-link copy
12 : 41

فَقَضَىٰهُنَّ سَبۡعَ سَمَٰوَاتٖ فِي يَوۡمَيۡنِ وَأَوۡحَىٰ فِي كُلِّ سَمَآءٍ أَمۡرَهَاۚ وَزَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنۡيَا بِمَصَٰبِيحَ وَحِفۡظٗاۚ ذَٰلِكَ تَقۡدِيرُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ

Samii torba godhee isheewwan xumuree Guyyaa lama keessatti. samii hunda keessatti, dhimma ishee beeksisa itti godhe. Samii addunyaas ifaadhaaleen (urjiileen) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine). Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 41

فَإِنۡ أَعۡرَضُواْ فَقُلۡ أَنذَرۡتُكُمۡ صَٰعِقَةٗ مِّثۡلَ صَٰعِقَةِ عَادٖ وَثَمُودَ

Yoo isaan gara galan “ani isin sodaachiseera iyyansa (hamaa), akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin” jedhiin. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 41

إِذۡ جَآءَتۡهُمُ ٱلرُّسُلُ مِنۢ بَيۡنِ أَيۡدِيهِمۡ وَمِنۡ خَلۡفِهِمۡ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّا ٱللَّهَۖ قَالُواْ لَوۡ شَآءَ رَبُّنَا لَأَنزَلَ مَلَٰٓئِكَةٗ فَإِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ

(adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; Nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise). info
التفاسير:

external-link copy
15 : 41

فَأَمَّا عَادٞ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَقَالُواْ مَنۡ أَشَدُّ مِنَّا قُوَّةًۖ أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِي خَلَقَهُمۡ هُوَ أَشَدُّ مِنۡهُمۡ قُوَّةٗۖ وَكَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَجۡحَدُونَ

Aad immoo dachii keessatti haqaan malee boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhan. Sila Rabbiin, Inni isaan uume sun inni humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormaa turan. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 41

فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِيحٗا صَرۡصَرٗا فِيٓ أَيَّامٖ نَّحِسَاتٖ لِّنُذِيقَهُمۡ عَذَابَ ٱلۡخِزۡيِ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَخۡزَىٰۖ وَهُمۡ لَا يُنصَرُونَ

Guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine, Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha. (Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadha. Isaan hin tumsamanu. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 41

وَأَمَّا ثَمُودُ فَهَدَيۡنَٰهُمۡ فَٱسۡتَحَبُّواْ ٱلۡعَمَىٰ عَلَى ٱلۡهُدَىٰ فَأَخَذَتۡهُمۡ صَٰعِقَةُ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡهُونِ بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ

Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; duuti adabbii salphisaa isaan qabatte waan isaan hojjataa turaniif . info
التفاسير:

external-link copy
18 : 41

وَنَجَّيۡنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ

Isaan amananii, Rabbiin sodaatoo tahan nagaya baafne. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 41

وَيَوۡمَ يُحۡشَرُ أَعۡدَآءُ ٱللَّهِ إِلَى ٱلنَّارِ فَهُمۡ يُوزَعُونَ

Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii isaan ittifaman san [yaadadhu]. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 41

حَتَّىٰٓ إِذَا مَا جَآءُوهَا شَهِدَ عَلَيۡهِمۡ سَمۡعُهُمۡ وَأَبۡصَٰرُهُمۡ وَجُلُودُهُم بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ

Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuuwwan isaanitiifi gogaaleen isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u. info
التفاسير: