ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್

ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ:close

external-link copy
15 : 12

فَلَمَّا ذَهَبُواْ بِهِۦ وَأَجۡمَعُوٓاْ أَن يَجۡعَلُوهُ فِي غَيَٰبَتِ ٱلۡجُبِّۚ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡهِ لَتُنَبِّئَنَّهُم بِأَمۡرِهِمۡ هَٰذَا وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ

Yeroma isaan deemanii boolla gadi fagoo keessatti isa gatuutti walii galan (isa darban). Nuti gara isaatti beeksifne “dhugumatti, ati dhimma isaanii kana isaanitti himta odoo isaan (si) hin beekin ” jechuun. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 12

وَجَآءُوٓ أَبَاهُمۡ عِشَآءٗ يَبۡكُونَ

(Isaanis) abbaa isaanii bira dhufan galgala booyaatiin. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 12

قَالُواْ يَٰٓأَبَانَآ إِنَّا ذَهَبۡنَا نَسۡتَبِقُ وَتَرَكۡنَا يُوسُفَ عِندَ مَتَٰعِنَا فَأَكَلَهُ ٱلذِّئۡبُۖ وَمَآ أَنتَ بِمُؤۡمِنٖ لَّنَا وَلَوۡ كُنَّا صَٰدِقِينَ

Nijedhan “Yaa abbaa keenya! Nuti wal dorgomuuf deemne, Yuusufiin meeshaa keenya biratti dhiifnee, yeyyiin isa nyaate, ati nuuf kan amantuu miti Odoma nuti warra dhugaa dubbatan taaneeyyuu”. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 12

وَجَآءُو عَلَىٰ قَمِيصِهِۦ بِدَمٖ كَذِبٖۚ قَالَ بَلۡ سَوَّلَتۡ لَكُمۡ أَنفُسُكُمۡ أَمۡرٗاۖ فَصَبۡرٞ جَمِيلٞۖ وَٱللَّهُ ٱلۡمُسۡتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ

Qamisa isaa irratti dhiiga sobaatiin dhufan, (Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuulee keessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsite, (Obsi kiyya) obsa gaariidha, Waan isin jettan kana irratti gargaarsifatamaan Rabbi qofa.” info
التفاسير:

external-link copy
19 : 12

وَجَآءَتۡ سَيَّارَةٞ فَأَرۡسَلُواْ وَارِدَهُمۡ فَأَدۡلَىٰ دَلۡوَهُۥۖ قَالَ يَٰبُشۡرَىٰ هَٰذَا غُلَٰمٞۚ وَأَسَرُّوهُ بِضَٰعَةٗۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِمَا يَعۡمَلُونَ

Kara deemtonni (daldaaltoonni) dhuftee, bishaan waraabuduu isaanii erganii baaldii isaa (eela keessa) gadi buuse, “Yaa gammachuu! Kuni mucaa (bareedaadha)” jedhe, Meeshaa godhanii isa dhoksan, Rabbiin waan isaan hojjatan beekaadha. [1] info

[1] yuusuf obboleeyyan isaa eelatti darban, isumaa achi keessa jiru, daldaltoonni bishaan waraabbatuuf baaldii haadaan harkifamu eelatti gadi darban, yuusuf baaldii san qabtee namtichi bishaan sehee harkisee olbaase, akkasitti irraa gammadee fudhatanii deemaniin.

التفاسير:

external-link copy
20 : 12

وَشَرَوۡهُ بِثَمَنِۭ بَخۡسٖ دَرَٰهِمَ مَعۡدُودَةٖ وَكَانُواْ فِيهِ مِنَ ٱلزَّٰهِدِينَ

Gatii xiqqaa, maallaqa lakkaa’amtuutti, isa gurguran, Isa keessattis danta dhaboota irraa ta’an. {2} info

{2} obboleeyantu daldaltoota eelaa baasan sanitti rakishatti gurguratan.

التفاسير:

external-link copy
21 : 12

وَقَالَ ٱلَّذِي ٱشۡتَرَىٰهُ مِن مِّصۡرَ لِٱمۡرَأَتِهِۦٓ أَكۡرِمِي مَثۡوَىٰهُ عَسَىٰٓ أَن يَنفَعَنَآ أَوۡ نَتَّخِذَهُۥ وَلَدٗاۚ وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلِنُعَلِّمَهُۥ مِن تَأۡوِيلِ ٱلۡأَحَادِيثِۚ وَٱللَّهُ غَالِبٌ عَلَىٰٓ أَمۡرِهِۦ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ

Inni Misra irraa isa bites niitii isaatiin ni jedhe:(iddoo) qubsuma isaa kabaji “nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kejeelamaa", akka kanatti Yuusufiif dachii keessa mijjeessine, (Akka bulchaa isa goonuu) fi hiikoo manaamaas isa barsiifnuuf jecha. Rabbiin dhimma Isaa irratti injifataadha, Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.{3} info

{3} daldaltoonni fuudhanii deemaniinii misra geessanii angaawaa achii tokkotti gurguratan, isaatu yeroo bitu jaartii isaatti akka jabeesitu dhaammate.

التفاسير:

external-link copy
22 : 12

وَلَمَّا بَلَغَ أَشُدَّهُۥٓ ءَاتَيۡنَٰهُ حُكۡمٗا وَعِلۡمٗاۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ

Yeroo inni (dargaggoomee) jabummaa isaa ga’u, ogummaafi beekumsa isaaf kennine, Akka kanatti toltuu hojjattootaaf galata galchina. info
التفاسير: