ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ

លេខ​ទំព័រ:close

external-link copy
28 : 54

وَنَبِّئۡهُمۡ أَنَّ ٱلۡمَآءَ قِسۡمَةُۢ بَيۡنَهُمۡۖ كُلُّ شِرۡبٖ مُّحۡتَضَرٞ

Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himi. Dhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 54

فَنَادَوۡاْ صَاحِبَهُمۡ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ

Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 54

فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata? info
التفاسير:

external-link copy
31 : 54

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ فَكَانُواْ كَهَشِيمِ ٱلۡمُحۡتَظِرِ

Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergine. Ergasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 54

وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa? info
التفاسير:

external-link copy
33 : 54

كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطِۭ بِٱلنُّذُرِ

Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 54

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ حَاصِبًا إِلَّآ ءَالَ لُوطٖۖ نَّجَّيۡنَٰهُم بِسَحَرٖ

Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirra. Maatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine. info
التفاسير:

external-link copy
35 : 54

نِّعۡمَةٗ مِّنۡ عِندِنَاۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي مَن شَكَرَ

Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine). Akka kanatti nama galata Nuuf galche galateessina. info
التفاسير:

external-link copy
36 : 54

وَلَقَدۡ أَنذَرَهُم بَطۡشَتَنَا فَتَمَارَوۡاْ بِٱلنُّذُرِ

Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jira. Isaan garuu dinniinicha falmaniiru. info
التفاسير:

external-link copy
37 : 54

وَلَقَدۡ رَٰوَدُوهُ عَن ضَيۡفِهِۦ فَطَمَسۡنَآ أَعۡيُنَهُمۡ فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ

Keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatan. ijoowwan isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen). info
التفاسير:

external-link copy
38 : 54

وَلَقَدۡ صَبَّحَهُم بُكۡرَةً عَذَابٞ مُّسۡتَقِرّٞ

Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate. info
التفاسير:

external-link copy
39 : 54

فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ

Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne). info
التفاسير:

external-link copy
40 : 54

وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa? info
التفاسير:

external-link copy
41 : 54

وَلَقَدۡ جَآءَ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ ٱلنُّذُرُ

Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiisonni dhufeera. info
التفاسير:

external-link copy
42 : 54

كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذۡنَٰهُمۡ أَخۡذَ عَزِيزٖ مُّقۡتَدِرٍ

Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne. info
التفاسير:

external-link copy
43 : 54

أَكُفَّارُكُمۡ خَيۡرٞ مِّنۡ أُوْلَٰٓئِكُمۡ أَمۡ لَكُم بَرَآءَةٞ فِي ٱلزُّبُرِ

(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira? info
التفاسير:

external-link copy
44 : 54

أَمۡ يَقُولُونَ نَحۡنُ جَمِيعٞ مُّنتَصِرٞ

Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu. info
التفاسير:

external-link copy
45 : 54

سَيُهۡزَمُ ٱلۡجَمۡعُ وَيُوَلُّونَ ٱلدُّبُرَ

Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
46 : 54

بَلِ ٱلسَّاعَةُ مَوۡعِدُهُمۡ وَٱلسَّاعَةُ أَدۡهَىٰ وَأَمَرُّ

Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniiti. Qiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha. info
التفاسير:

external-link copy
47 : 54

إِنَّ ٱلۡمُجۡرِمِينَ فِي ضَلَٰلٖ وَسُعُرٖ

Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u. info
التفاسير:

external-link copy
48 : 54

يَوۡمَ يُسۡحَبُونَ فِي ٱلنَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمۡ ذُوقُواْ مَسَّ سَقَرَ

Guyyaa fuulleen isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar (gubaa ibiddaa) dhandhamaa” (jedhamaan). info
التفاسير:

external-link copy
49 : 54

إِنَّا كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَٰهُ بِقَدَرٖ

Nuti waan hunda likki likkiin isa uumne. info
التفاسير: