ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ

លេខ​ទំព័រ:close

external-link copy
119 : 16

ثُمَّ إِنَّ رَبَّكَ لِلَّذِينَ عَمِلُواْ ٱلسُّوٓءَ بِجَهَٰلَةٖ ثُمَّ تَابُواْ مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ وَأَصۡلَحُوٓاْ إِنَّ رَبَّكَ مِنۢ بَعۡدِهَا لَغَفُورٞ رَّحِيمٌ

San booda Gooftaan kee isaan wallaalumaan hamtuu dalaganii sana booda tawbatanii (hojii isaanii) tolchan, dhugumatti Gooftaan kee ishee booda araaramaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
120 : 16

إِنَّ إِبۡرَٰهِيمَ كَانَ أُمَّةٗ قَانِتٗا لِّلَّهِ حَنِيفٗا وَلَمۡ يَكُ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ

Dhugumatti Ibraahiim ogganaa Rabbiif ajajamaa, qajeelaa ture. Mushrikoota irraa hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
121 : 16

شَاكِرٗا لِّأَنۡعُمِهِۚ ٱجۡتَبَىٰهُ وَهَدَىٰهُ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ

Tolawwan Isaatiif galatoomfataa ture. (Rabbiin) isa filatee gara karaa sirrii isa qajeelche. info
التفاسير:

external-link copy
122 : 16

وَءَاتَيۡنَٰهُ فِي ٱلدُّنۡيَا حَسَنَةٗۖ وَإِنَّهُۥ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ لَمِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Addunyaa keessatti toltuu isaaf kenninee jirra. Dhugumatti inni Aakhiraa keessattis gaggaarii irraayyi. info
التفاسير:

external-link copy
123 : 16

ثُمَّ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ أَنِ ٱتَّبِعۡ مِلَّةَ إِبۡرَٰهِيمَ حَنِيفٗاۖ وَمَا كَانَ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ

Ergasii “karaa Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofi” (jechuun) beeksisa gara keetti goone. Inni (Ibraahiim) mushrikoota irraa hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
124 : 16

إِنَّمَا جُعِلَ ٱلسَّبۡتُ عَلَى ٱلَّذِينَ ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِۚ وَإِنَّ رَبَّكَ لَيَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ

Sanbatni (dhorgaa) kan godhame warruma isa keessatti wal dhaban qofa irratti. Dhugumatti Gooftaan kee guyyaa qiyaamaa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaanitti nimurteessa.. info
التفاسير:

external-link copy
125 : 16

ٱدۡعُ إِلَىٰ سَبِيلِ رَبِّكَ بِٱلۡحِكۡمَةِ وَٱلۡمَوۡعِظَةِ ٱلۡحَسَنَةِۖ وَجَٰدِلۡهُم بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُۚ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِٱلۡمُهۡتَدِينَ

Gara karaa Gooftaa keetii ogummaafi gorsa bareedaan waami, Ishee (falmii) irra gaarii taateen isaan falmi, Dhugumatti Gooftaan kee nama karaa Isaa irraa jallate ni beekaa. Inni qajeeltotas beekaadha. info
التفاسير:

external-link copy
126 : 16

وَإِنۡ عَاقَبۡتُمۡ فَعَاقِبُواْ بِمِثۡلِ مَا عُوقِبۡتُم بِهِۦۖ وَلَئِن صَبَرۡتُمۡ لَهُوَ خَيۡرٞ لِّلصَّٰبِرِينَ

Yoo haaloo bahattan fakkaatuma waan miidhamtaniitiin bahadhaa. Yoo obsitan immoo obsitootaaf isatu caalaadha. info
التفاسير:

external-link copy
127 : 16

وَٱصۡبِرۡ وَمَا صَبۡرُكَ إِلَّا بِٱللَّهِۚ وَلَا تَحۡزَنۡ عَلَيۡهِمۡ وَلَا تَكُ فِي ضَيۡقٖ مِّمَّا يَمۡكُرُونَ

Obsi; obsuun kee (si dandeessisuu) Rabbiitiin malee hin taane, Isaan irratti hin gaddin, Tooftaa isaan baasan irraa dhiphina keessatti hin ta’in. info
التفاسير:

external-link copy
128 : 16

إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْ وَّٱلَّذِينَ هُم مُّحۡسِنُونَ

Dhugumatti, Rabbiin warra Isa sodaataniifi warra isaan tolchitoota tahan wajjin jira. info
التفاسير: