Terjemahan makna Alquran Alkarim - Terjemahan Berbahasa Oromo - Gali Ababour

Nomor Halaman:close

external-link copy
12 : 49

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱجۡتَنِبُواْ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلظَّنِّ إِنَّ بَعۡضَ ٱلظَّنِّ إِثۡمٞۖ وَلَا تَجَسَّسُواْ وَلَا يَغۡتَب بَّعۡضُكُم بَعۡضًاۚ أَيُحِبُّ أَحَدُكُمۡ أَن يَأۡكُلَ لَحۡمَ أَخِيهِ مَيۡتٗا فَكَرِهۡتُمُوهُۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ تَوَّابٞ رَّحِيمٞ

Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidha. Wal hin basaasinaa. Gariin keessanis garii hin hamatin. Tokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? jibbitanii jirtan. (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?) Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 49

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّا خَلَقۡنَٰكُم مِّن ذَكَرٖ وَأُنثَىٰ وَجَعَلۡنَٰكُمۡ شُعُوبٗا وَقَبَآئِلَ لِتَعَارَفُوٓاْۚ إِنَّ أَكۡرَمَكُمۡ عِندَ ٱللَّهِ أَتۡقَىٰكُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٞ

Isin Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne, sabootaafi gosoota isin taasifne akka wal beektaniif jecha. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin beekaa keessa hubataadha. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 49

۞ قَالَتِ ٱلۡأَعۡرَابُ ءَامَنَّاۖ قُل لَّمۡ تُؤۡمِنُواْ وَلَٰكِن قُولُوٓاْ أَسۡلَمۡنَا وَلَمَّا يَدۡخُلِ ٱلۡإِيمَٰنُ فِي قُلُوبِكُمۡۖ وَإِن تُطِيعُواْ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ لَا يَلِتۡكُم مِّنۡ أَعۡمَٰلِكُمۡ شَيۡـًٔاۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٌ

Shanaanoon “nuti amanneerra” jette. jedhiin isin hin amanne garuu islaamoyne jedhaa, hanga silaa iimaanni onneewwan keessan keessa hin seenne. yoo ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhattan, hojiiwwan keessan irraa homaa isinduraa hin hir’isu. Rabbiin araaramaa, mararfataadha. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 49

إِنَّمَا ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ ثُمَّ لَمۡ يَرۡتَابُواْ وَجَٰهَدُواْ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ

Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii hinshakkini, qabeenyaalee isaanitiifi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan isaanumatu warra dhugaati. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 49

قُلۡ أَتُعَلِّمُونَ ٱللَّهَ بِدِينِكُمۡ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ

Jedhi: “Amantii keessan Rabbiin beysiistuu? Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beeka. Rabbiin waan hunda beekaadha.” info
التفاسير:

external-link copy
17 : 49

يَمُنُّونَ عَلَيۡكَ أَنۡ أَسۡلَمُواْۖ قُل لَّا تَمُنُّواْ عَلَيَّ إِسۡلَٰمَكُمۖ بَلِ ٱللَّهُ يَمُنُّ عَلَيۡكُمۡ أَنۡ هَدَىٰكُمۡ لِلۡإِيمَٰنِ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ

Islaamawuu isaaniitiin sirratti galata himatu “Islaamummaa keessaniin ana irratti galata hin himatinaa, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti galata himata” jedhiin. Yoo warra dhugaa taatan (kan galata himatu Rabbi tahuu beekaa). info
التفاسير:

external-link copy
18 : 49

إِنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ غَيۡبَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَٱللَّهُ بَصِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ

Rabbiin fagoo samiileefi dachii keessaa ni beeka. Rabbiin waan isin dalagdan (hunda) argaadha.” info
التفاسير: