Terjemahan makna Alquran Alkarim - Terjemahan Berbahasa Oromo - Gali Ababour

Nomor Halaman:close

external-link copy
39 : 41

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦٓ أَنَّكَ تَرَى ٱلۡأَرۡضَ خَٰشِعَةٗ فَإِذَآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡهَا ٱلۡمَآءَ ٱهۡتَزَّتۡ وَرَبَتۡۚ إِنَّ ٱلَّذِيٓ أَحۡيَاهَا لَمُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰٓۚ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ

Mallattoolee Isaa irraayi Ati dachii gogduu taate arguun. yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadha. Inni waan hunda irratti danda’aadha. info
التفاسير:

external-link copy
40 : 41

إِنَّ ٱلَّذِينَ يُلۡحِدُونَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا لَا يَخۡفَوۡنَ عَلَيۡنَآۗ أَفَمَن يُلۡقَىٰ فِي ٱلنَّارِ خَيۡرٌ أَم مَّن يَأۡتِيٓ ءَامِنٗا يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ ٱعۡمَلُواْ مَا شِئۡتُمۡ إِنَّهُۥ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ

Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa hindhokatan. Sila isa ibidda keessatti darbamu caala moo, isa nagaa ta’ee Guyyaa Qiyaamaa dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha. info
التفاسير:

external-link copy
41 : 41

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِٱلذِّكۡرِ لَمَّا جَآءَهُمۡۖ وَإِنَّهُۥ لَكِتَٰبٌ عَزِيزٞ

Isaan yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran erga inni itti dhufee booda. (nidhabamsiifamu). Inni kitaaba injifataadha. info
التفاسير:

external-link copy
42 : 41

لَّا يَأۡتِيهِ ٱلۡبَٰطِلُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَلَا مِنۡ خَلۡفِهِۦۖ تَنزِيلٞ مِّنۡ حَكِيمٍ حَمِيدٖ

Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu.(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame. info
التفاسير:

external-link copy
43 : 41

مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدۡ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبۡلِكَۚ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغۡفِرَةٖ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٖ

Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiru. Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati. info
التفاسير:

external-link copy
44 : 41

وَلَوۡ جَعَلۡنَٰهُ قُرۡءَانًا أَعۡجَمِيّٗا لَّقَالُواْ لَوۡلَا فُصِّلَتۡ ءَايَٰتُهُۥٓۖ ءَا۬عۡجَمِيّٞ وَعَرَبِيّٞۗ قُلۡ هُوَ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ هُدٗى وَشِفَآءٞۚ وَٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ فِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَقۡرٞ وَهُوَ عَلَيۡهِمۡ عَمًىۚ أُوْلَٰٓئِكَ يُنَادَوۡنَ مِن مَّكَانِۭ بَعِيدٖ

Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin jedhu, akkamitti (Qur'aanni) afaan Ajamiin (ergamaan) Arabaan tahe?” (jedhu turan). (Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qoricha. Isaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jira. Innis isaan irratti jaamummaadha. Isaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.” info
التفاسير:

external-link copy
45 : 41

وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَٱخۡتُلِفَ فِيهِۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۚ وَإِنَّهُمۡ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُ مُرِيبٖ

Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabame. Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama ture. Isaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru. info
التفاسير:

external-link copy
46 : 41

مَّنۡ عَمِلَ صَٰلِحٗا فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ أَسَآءَ فَعَلَيۡهَاۗ وَمَا رَبُّكَ بِظَلَّٰمٖ لِّلۡعَبِيدِ

Namni toltuu hojjate lubbuu isaatiifi. Namni hammaates isimarratti. Gooftaan kee gabroota miidhaa hintaane. info
التفاسير: