Terjemahan makna Alquran Alkarim - Terjemahan Berbahasa Oromo - Gali Ababour

Nomor Halaman:close

external-link copy
102 : 21

لَا يَسۡمَعُونَ حَسِيسَهَاۖ وَهُمۡ فِي مَا ٱشۡتَهَتۡ أَنفُسُهُمۡ خَٰلِدُونَ

Sagalee (didichaa) ishee hin dhaga’anu, Isaan waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha. info
التفاسير:

external-link copy
103 : 21

لَا يَحۡزُنُهُمُ ٱلۡفَزَعُ ٱلۡأَكۡبَرُ وَتَتَلَقَّىٰهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ هَٰذَا يَوۡمُكُمُ ٱلَّذِي كُنتُمۡ تُوعَدُونَ

(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisu, Maleykonni isaan simatu. “Kun guyyaa keessan kan baallamamoo taataniidha.” (jedhaniin) info
التفاسير:

external-link copy
104 : 21

يَوۡمَ نَطۡوِي ٱلسَّمَآءَ كَطَيِّ ٱلسِّجِلِّ لِلۡكُتُبِۚ كَمَا بَدَأۡنَآ أَوَّلَ خَلۡقٖ نُّعِيدُهُۥۚ وَعۡدًا عَلَيۡنَآۚ إِنَّا كُنَّا فَٰعِلِينَ

Guyyaa samii marru akka mariinsa barreessan xalayaalee (galmeewwan) marutti [yaadadhu]. Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra. info
التفاسير:

external-link copy
105 : 21

وَلَقَدۡ كَتَبۡنَا فِي ٱلزَّبُورِ مِنۢ بَعۡدِ ٱلذِّكۡرِ أَنَّ ٱلۡأَرۡضَ يَرِثُهَا عِبَادِيَ ٱلصَّٰلِحُونَ

Dhugumatti, Nuti kitaabota keessatti barreessine, erga ‘Lawhal Mahfuuz’ (keessatti barreessinee) booda. “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” (jechuu). info
التفاسير:

external-link copy
106 : 21

إِنَّ فِي هَٰذَا لَبَلَٰغٗا لِّقَوۡمٍ عَٰبِدِينَ

Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu orma (Rabbiin) gabbaraniif jira. info
التفاسير:

external-link copy
107 : 21

وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا رَحۡمَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ

Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee (waan) si hin ergine. info
التفاسير:

external-link copy
108 : 21

قُلۡ إِنَّمَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ فَهَلۡ أَنتُم مُّسۡلِمُونَ

(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?” info
التفاسير:

external-link copy
109 : 21

فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقُلۡ ءَاذَنتُكُمۡ عَلَىٰ سَوَآءٖۖ وَإِنۡ أَدۡرِيٓ أَقَرِيبٌ أَم بَعِيدٞ مَّا تُوعَدُونَ

Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksise, Ani wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi. info
التفاسير:

external-link copy
110 : 21

إِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلۡجَهۡرَ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ وَيَعۡلَمُ مَا تَكۡتُمُونَ

Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beeka, Waan isin dhoksitanis ni beeka. info
التفاسير:

external-link copy
111 : 21

وَإِنۡ أَدۡرِي لَعَلَّهُۥ فِتۡنَةٞ لَّكُمۡ وَمَتَٰعٌ إِلَىٰ حِينٖ

Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku. info
التفاسير:

external-link copy
112 : 21

قَٰلَ رَبِّ ٱحۡكُم بِٱلۡحَقِّۗ وَرَبُّنَا ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلۡمُسۡتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ

(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhi, Gooftaan keenya Rahmaani, waan isin jettan irratti gargaarsifatamaadha. info
التفاسير: