क़ुरआन के अर्थों का अनुवाद - ओरोमो अनुवाद - गाली अबाबोर

पृष्ठ संख्या:close

external-link copy
98 : 11

يَقۡدُمُ قَوۡمَهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فَأَوۡرَدَهُمُ ٱلنَّارَۖ وَبِئۡسَ ٱلۡوِرۡدُ ٱلۡمَوۡرُودُ

Guyyaa Qiyaamaa ummata isaa dursee, ibidda isaan seensisa, (Inni) seensa seenamaa (ta’uun isaa) waa fokkate! info
التفاسير:

external-link copy
99 : 11

وَأُتۡبِعُواْ فِي هَٰذِهِۦ لَعۡنَةٗ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ بِئۡسَ ٱلرِّفۡدُ ٱلۡمَرۡفُودُ

Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman, Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma), Badhaasni badhaafaman waa fokkate! info
التفاسير:

external-link copy
100 : 11

ذَٰلِكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلۡقُرَىٰ نَقُصُّهُۥ عَلَيۡكَۖ مِنۡهَا قَآئِمٞ وَحَصِيدٞ

Kun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessina, Ishee irraa dhaabbataafi haamamaatu jiru. info
التفاسير:

external-link copy
101 : 11

وَمَا ظَلَمۡنَٰهُمۡ وَلَٰكِن ظَلَمُوٓاْ أَنفُسَهُمۡۖ فَمَآ أَغۡنَتۡ عَنۡهُمۡ ءَالِهَتُهُمُ ٱلَّتِي يَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٖ لَّمَّا جَآءَ أَمۡرُ رَبِّكَۖ وَمَا زَادُوهُمۡ غَيۡرَ تَتۡبِيبٖ

Nuti isaan hin mine; Garuu isaan lubbuulee isaanii miidhan. gabbaramtoonni isaanii kan isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan homaa isaan hin fayyadne Yeroo ajajni Gooftaa keetii dhufu. Hoongessuu malees homaa isaaniif hin daballe. info
التفاسير:

external-link copy
102 : 11

وَكَذَٰلِكَ أَخۡذُ رَبِّكَ إِذَآ أَخَذَ ٱلۡقُرَىٰ وَهِيَ ظَٰلِمَةٌۚ إِنَّ أَخۡذَهُۥٓ أَلِيمٞ شَدِيدٌ

akkuma kana Qabaan Gooftaa keetii yeroo magaalota miidhaa hojjattuu taate qabe, Dhugumatti, qabaan Isaa laalessaa, jabaadha. info
التفاسير:

external-link copy
103 : 11

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّمَنۡ خَافَ عَذَابَ ٱلۡأٓخِرَةِۚ ذَٰلِكَ يَوۡمٞ مَّجۡمُوعٞ لَّهُ ٱلنَّاسُ وَذَٰلِكَ يَوۡمٞ مَّشۡهُودٞ

Dhugumatti, kana keessa namoota adabbii Aakiraa sodaataniif mallattootu jira. Sun guyyaa namoonni isaaf walitti qabamaniidha; sun guyyaa dhufamaadhas. info
التفاسير:

external-link copy
104 : 11

وَمَا نُؤَخِّرُهُۥٓ إِلَّا لِأَجَلٖ مَّعۡدُودٖ

Beellama lakkaa’amaaf malee isa hin tursiifnu. info
التفاسير:

external-link copy
105 : 11

يَوۡمَ يَأۡتِ لَا تَكَلَّمُ نَفۡسٌ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦۚ فَمِنۡهُمۡ شَقِيّٞ وَسَعِيدٞ

Guyyaa inni dhufu lubbuun kamillee hayyama Isaatiin malee hin dubbattu. Isaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira. info
التفاسير:

external-link copy
106 : 11

فَأَمَّا ٱلَّذِينَ شَقُواْ فَفِي ٱلنَّارِ لَهُمۡ فِيهَا زَفِيرٞ وَشَهِيقٌ

Isaan hoonga’an ibidda keessa ta’u, Ishee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif jira. info
التفاسير:

external-link copy
107 : 11

خَٰلِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ إِلَّا مَا شَآءَ رَبُّكَۚ إِنَّ رَبَّكَ فَعَّالٞ لِّمَا يُرِيدُ

Hanga samiifi dachiin turan ishee keessa kan turan ta’anii (ibidda keessa jiraatu) Waan Gooftaan kee fedhe malee, Gooftaan kee waan fedhe hojjataadha. info
التفاسير:

external-link copy
108 : 11

۞ وَأَمَّا ٱلَّذِينَ سُعِدُواْ فَفِي ٱلۡجَنَّةِ خَٰلِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ إِلَّا مَا شَآءَ رَبُّكَۖ عَطَآءً غَيۡرَ مَجۡذُوذٖ

Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatu Waan hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu) waan Gooftaan kee fedhe malee. Kennaa addaan hin cinne (kennaman). info
التفاسير: