કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર

પેજ નંબર:close

external-link copy
21 : 25

۞ وَقَالَ ٱلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ لِقَآءَنَا لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡنَا ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ أَوۡ نَرَىٰ رَبَّنَاۗ لَقَدِ ٱسۡتَكۡبَرُواْ فِيٓ أَنفُسِهِمۡ وَعَتَوۡ عُتُوّٗا كَبِيرٗا

Warri qunnamtii keenya hin sodaanne, “sila maaliif Maleykonni nutti hin buufamne? yookiin maaliif Gooftaa keenya hin argine?” jedhan. Dhugumatti, isaan lubbuu isaanii keessatti boonaniiru; jallina guddaas jallataniiru. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 25

يَوۡمَ يَرَوۡنَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ لَا بُشۡرَىٰ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُجۡرِمِينَ وَيَقُولُونَ حِجۡرٗا مَّحۡجُورٗا

Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru. [Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti), dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 25

وَقَدِمۡنَآ إِلَىٰ مَا عَمِلُواْ مِنۡ عَمَلٖ فَجَعَلۡنَٰهُ هَبَآءٗ مَّنثُورًا

Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 25

أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ يَوۡمَئِذٍ خَيۡرٞ مُّسۡتَقَرّٗا وَأَحۡسَنُ مَقِيلٗا

Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 25

وَيَوۡمَ تَشَقَّقُ ٱلسَّمَآءُ بِٱلۡغَمَٰمِ وَنُزِّلَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ تَنزِيلًا

Guyyaa samiin duumessaan dhodhootuufi Maleykonni buufamiinsa buufaman [yaadadhaa]. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 25

ٱلۡمُلۡكُ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡحَقُّ لِلرَّحۡمَٰنِۚ وَكَانَ يَوۡمًا عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ عَسِيرٗا

Mootummaan dhugaa guyyaa san kan Rahmaani, Inni guyyaa kaafiroota irratti rakkisaa ta’eedha. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 25

وَيَوۡمَ يَعَضُّ ٱلظَّالِمُ عَلَىٰ يَدَيۡهِ يَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي ٱتَّخَذۡتُ مَعَ ٱلرَّسُولِ سَبِيلٗا

Guyyaa miidhaa hojjataan [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinee “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhu [yaadadhu]. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 25

يَٰوَيۡلَتَىٰ لَيۡتَنِي لَمۡ أَتَّخِذۡ فُلَانًا خَلِيلٗا

”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee taasifachuu baadheen gaabba! info
التفاسير:

external-link copy
29 : 25

لَّقَدۡ أَضَلَّنِي عَنِ ٱلذِّكۡرِ بَعۡدَ إِذۡ جَآءَنِيۗ وَكَانَ ٱلشَّيۡطَٰنُ لِلۡإِنسَٰنِ خَذُولٗا

Dhugumatti, gorsa irraa na jalliseera erga inni natti dhufee booda” Sheyxaanni ilma namaaf salphisaa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 25

وَقَالَ ٱلرَّسُولُ يَٰرَبِّ إِنَّ قَوۡمِي ٱتَّخَذُواْ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ مَهۡجُورٗا

Ergamichis nijedhe “Yaa Gooftaa kiyya! ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan”. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 25

وَكَذَٰلِكَ جَعَلۡنَا لِكُلِّ نَبِيٍّ عَدُوّٗا مِّنَ ٱلۡمُجۡرِمِينَۗ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ هَادِيٗا وَنَصِيرٗا

Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif goone, (Karaa irratti) qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 25

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡلَا نُزِّلَ عَلَيۡهِ ٱلۡقُرۡءَانُ جُمۡلَةٗ وَٰحِدَةٗۚ كَذَٰلِكَ لِنُثَبِّتَ بِهِۦ فُؤَادَكَۖ وَرَتَّلۡنَٰهُ تَرۡتِيلٗا

Isaan kafaran ni jedhan: “Maaliif Qur’aanni hundaan al tokko isarratti hin buufamin?” Akka kanatti onnee kee isaan gadi dhaabuuf jecha (adda addaan buufne), Suuta suutaan isa ibsine. info
التفاسير: