ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور

Annaba’i

external-link copy
1 : 78

عَمَّ يَتَسَآءَلُونَ

[Warri hin amanin] maal irraa wal gaaggaafatan? info
التفاسير:

external-link copy
2 : 78

عَنِ ٱلنَّبَإِ ٱلۡعَظِيمِ

Oduu guddaa irraa [wal gaafatu) info
التفاسير:

external-link copy
3 : 78

ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ مُخۡتَلِفُونَ

Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi]. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 78

كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ

Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 78

ثُمَّ كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ

Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 78

أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ مِهَٰدٗا

Sila Nuti dachii firaasha hin goonee? info
التفاسير:

external-link copy
7 : 78

وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادٗا

Gaarreenis shikaaloowwan [hin goonee]? info
التفاسير:

external-link copy
8 : 78

وَخَلَقۡنَٰكُمۡ أَزۡوَٰجٗا

Cimdiis goonee isin uumne. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 78

وَجَعَلۡنَا نَوۡمَكُمۡ سُبَاتٗا

Hirriba keessan boqonnaa goone. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 78

وَجَعَلۡنَا ٱلَّيۡلَ لِبَاسٗا

Halkan uffata goone. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 78

وَجَعَلۡنَا ٱلنَّهَارَ مَعَاشٗا

Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 78

وَبَنَيۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعٗا شِدَادٗا

Gubbaa keessanitti [samii] jajjaboo torba ijaarre. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 78

وَجَعَلۡنَا سِرَاجٗا وَهَّاجٗا

Ifaa boba'aas uumne. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 78

وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلۡمُعۡصِرَٰتِ مَآءٗ ثَجَّاجٗا

Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 78

لِّنُخۡرِجَ بِهِۦ حَبّٗا وَنَبَاتٗا

Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne]. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 78

وَجَنَّٰتٍ أَلۡفَافًا

Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 78

إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ كَانَ مِيقَٰتٗا

Guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 78

يَوۡمَ يُنفَخُ فِي ٱلصُّورِ فَتَأۡتُونَ أَفۡوَاجٗا

[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 78

وَفُتِحَتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ أَبۡوَٰبٗا

[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 78

وَسُيِّرَتِ ٱلۡجِبَالُ فَكَانَتۡ سَرَابًا

Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 78

إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتۡ مِرۡصَادٗا

Dhugumatti jahannam keellaa taateetti. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 78

لِّلطَّٰغِينَ مَـَٔابٗا

Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 78

لَّٰبِثِينَ فِيهَآ أَحۡقَابٗا

Yeroo dheeraaf ishee keessa turu. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 78

لَّا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرۡدٗا وَلَا شَرَابًا

Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 78

إِلَّا حَمِيمٗا وَغَسَّاقٗا

Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu]. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 78

جَزَآءٗ وِفَاقًا

Mindaa wal madaalu [mindeeffaman]. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 78

إِنَّهُمۡ كَانُواْ لَا يَرۡجُونَ حِسَابٗا

Isaan qormaata hin sodaatanu turan. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 78

وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كِذَّابٗا

Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 78

وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ كِتَٰبٗا

Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 78

فَذُوقُواْ فَلَن نَّزِيدَكُمۡ إِلَّا عَذَابًا

“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama]. info
التفاسير: