আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ

Annaba’i

external-link copy
1 : 78

عَمَّ يَتَسَآءَلُونَ

[Warri hin amanin] maal irraa wal gaaggaafatan? info
التفاسير:

external-link copy
2 : 78

عَنِ ٱلنَّبَإِ ٱلۡعَظِيمِ

Oduu guddaa irraa [wal gaafatu) info
التفاسير:

external-link copy
3 : 78

ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ مُخۡتَلِفُونَ

Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi]. info
التفاسير:

external-link copy
4 : 78

كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ

Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
5 : 78

ثُمَّ كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ

Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru. info
التفاسير:

external-link copy
6 : 78

أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ مِهَٰدٗا

Sila Nuti dachii firaasha hin goonee? info
التفاسير:

external-link copy
7 : 78

وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادٗا

Gaarreenis shikaaloowwan [hin goonee]? info
التفاسير:

external-link copy
8 : 78

وَخَلَقۡنَٰكُمۡ أَزۡوَٰجٗا

Cimdiis goonee isin uumne. info
التفاسير:

external-link copy
9 : 78

وَجَعَلۡنَا نَوۡمَكُمۡ سُبَاتٗا

Hirriba keessan boqonnaa goone. info
التفاسير:

external-link copy
10 : 78

وَجَعَلۡنَا ٱلَّيۡلَ لِبَاسٗا

Halkan uffata goone. info
التفاسير:

external-link copy
11 : 78

وَجَعَلۡنَا ٱلنَّهَارَ مَعَاشٗا

Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone. info
التفاسير:

external-link copy
12 : 78

وَبَنَيۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعٗا شِدَادٗا

Gubbaa keessanitti [samii] jajjaboo torba ijaarre. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 78

وَجَعَلۡنَا سِرَاجٗا وَهَّاجٗا

Ifaa boba'aas uumne. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 78

وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلۡمُعۡصِرَٰتِ مَآءٗ ثَجَّاجٗا

Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 78

لِّنُخۡرِجَ بِهِۦ حَبّٗا وَنَبَاتٗا

Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne]. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 78

وَجَنَّٰتٍ أَلۡفَافًا

Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 78

إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ كَانَ مِيقَٰتٗا

Guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 78

يَوۡمَ يُنفَخُ فِي ٱلصُّورِ فَتَأۡتُونَ أَفۡوَاجٗا

[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 78

وَفُتِحَتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ أَبۡوَٰبٗا

[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 78

وَسُيِّرَتِ ٱلۡجِبَالُ فَكَانَتۡ سَرَابًا

Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate. info
التفاسير:

external-link copy
21 : 78

إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتۡ مِرۡصَادٗا

Dhugumatti jahannam keellaa taateetti. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 78

لِّلطَّٰغِينَ مَـَٔابٗا

Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 78

لَّٰبِثِينَ فِيهَآ أَحۡقَابٗا

Yeroo dheeraaf ishee keessa turu. info
التفاسير:

external-link copy
24 : 78

لَّا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرۡدٗا وَلَا شَرَابًا

Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 78

إِلَّا حَمِيمٗا وَغَسَّاقٗا

Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu]. info
التفاسير:

external-link copy
26 : 78

جَزَآءٗ وِفَاقًا

Mindaa wal madaalu [mindeeffaman]. info
التفاسير:

external-link copy
27 : 78

إِنَّهُمۡ كَانُواْ لَا يَرۡجُونَ حِسَابٗا

Isaan qormaata hin sodaatanu turan. info
التفاسير:

external-link copy
28 : 78

وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كِذَّابٗا

Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan. info
التفاسير:

external-link copy
29 : 78

وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ كِتَٰبٗا

Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne. info
التفاسير:

external-link copy
30 : 78

فَذُوقُواْ فَلَن نَّزِيدَكُمۡ إِلَّا عَذَابًا

“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama]. info
التفاسير:

external-link copy
31 : 78

إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ مَفَازًا

Warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira. info
التفاسير:

external-link copy
32 : 78

حَدَآئِقَ وَأَعۡنَٰبٗا

Ashaakiltiifi inabatu [jira]. info
التفاسير:

external-link copy
33 : 78

وَكَوَاعِبَ أَتۡرَابٗا

Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru]. info
التفاسير:

external-link copy
34 : 78

وَكَأۡسٗا دِهَاقٗا

Geeba (xoofoo) guutamtuu. info
التفاسير:

external-link copy
35 : 78

لَّا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوٗا وَلَا كِذَّٰبٗا

Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu. info
التفاسير:

external-link copy
36 : 78

جَزَآءٗ مِّن رَّبِّكَ عَطَآءً حِسَابٗا

Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman]. info
التفاسير:

external-link copy
37 : 78

رَّبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا ٱلرَّحۡمَٰنِۖ لَا يَمۡلِكُونَ مِنۡهُ خِطَابٗا

Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]. Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu. info
التفاسير:

external-link copy
38 : 78

يَوۡمَ يَقُومُ ٱلرُّوحُ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ صَفّٗاۖ لَّا يَتَكَلَّمُونَ إِلَّا مَنۡ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَقَالَ صَوَابٗا

Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu. info
التفاسير:

external-link copy
39 : 78

ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمُ ٱلۡحَقُّۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ مَـَٔابًا

Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaati. Namni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata. info
التفاسير:

external-link copy
40 : 78

إِنَّآ أَنذَرۡنَٰكُمۡ عَذَابٗا قَرِيبٗا يَوۡمَ يَنظُرُ ٱلۡمَرۡءُ مَا قَدَّمَتۡ يَدَاهُ وَيَقُولُ ٱلۡكَافِرُ يَٰلَيۡتَنِي كُنتُ تُرَٰبَۢا

Nuti adabbii dhihoo tahe isin sodaachifne. kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte argu, kan kaafirri jedhu "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba". info
التفاسير: