আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ

পৃষ্ঠা নং:close

external-link copy
12 : 31

وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا لُقۡمَٰنَ ٱلۡحِكۡمَةَ أَنِ ٱشۡكُرۡ لِلَّهِۚ وَمَن يَشۡكُرۡ فَإِنَّمَا يَشۡكُرُ لِنَفۡسِهِۦۖ وَمَن كَفَرَ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَنِيٌّ حَمِيدٞ

Dhugumatti Luqmaaniif ogummaa kenninee jirra.“Rabbiif galata galchi. Namni (Rabbiin) galateeffate kan inni galateeffatu matuma isaatiifi; Namni kafares (matuma isaa irratti) Rabbiin dureessa, faarfamaadha” (jechuun). info
التفاسير:

external-link copy
13 : 31

وَإِذۡ قَالَ لُقۡمَٰنُ لِٱبۡنِهِۦ وَهُوَ يَعِظُهُۥ يَٰبُنَيَّ لَا تُشۡرِكۡ بِٱللَّهِۖ إِنَّ ٱلشِّرۡكَ لَظُلۡمٌ عَظِيمٞ

(yaadadhu) Yeroo Luqmaan ilma isaatiin jedhe odoo isa gorsuu “yaa ilma kiyya! Allaahiitti waa hin qindeessin; dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha”. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 31

وَوَصَّيۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ بِوَٰلِدَيۡهِ حَمَلَتۡهُ أُمُّهُۥ وَهۡنًا عَلَىٰ وَهۡنٖ وَفِصَٰلُهُۥ فِي عَامَيۡنِ أَنِ ٱشۡكُرۡ لِي وَلِوَٰلِدَيۡكَ إِلَيَّ ٱلۡمَصِيرُ

Namaaf haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaa dadhabbii dadhabbii irratti ta’een isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti, “Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchi, Deebiin gara kiyyatti” (jechuun isa ajajne). info
التفاسير:

external-link copy
15 : 31

وَإِن جَٰهَدَاكَ عَلَىٰٓ أَن تُشۡرِكَ بِي مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٞ فَلَا تُطِعۡهُمَاۖ وَصَاحِبۡهُمَا فِي ٱلدُّنۡيَا مَعۡرُوفٗاۖ وَٱتَّبِعۡ سَبِيلَ مَنۡ أَنَابَ إِلَيَّۚ ثُمَّ إِلَيَّ مَرۡجِعُكُمۡ فَأُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ

Yoo isaan lamaan waan beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara kiyya deebi’ee hordofi. Sana booda deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtan isinittin odeessa. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 31

يَٰبُنَيَّ إِنَّهَآ إِن تَكُ مِثۡقَالَ حَبَّةٖ مِّنۡ خَرۡدَلٖ فَتَكُن فِي صَخۡرَةٍ أَوۡ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ أَوۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَأۡتِ بِهَا ٱللَّهُۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَطِيفٌ خَبِيرٞ

(Luqmaan) “yaa ilma kiyya! isheen (badiin) yoo hanga madaala firii raafuu taatee, yoo dhagaa guddaa yookiin samiilee yookiin dachii keessa taate, Rabbiin ishee fida. keessa beekaa rahmata godhaadha. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 31

يَٰبُنَيَّ أَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ وَأۡمُرۡ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَٱنۡهَ عَنِ ٱلۡمُنكَرِ وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَآ أَصَابَكَۖ إِنَّ ذَٰلِكَ مِنۡ عَزۡمِ ٱلۡأُمُورِ

Yaa ilma kiyya! Salaata sirritti sagadi. Toltuutti nama ajaji. Hamtuu irraa nama dhorgi. Waan si mudate irratti obsi. sun wantoota jajjaboo (murannoo gaafatan) irraayyi. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 31

وَلَا تُصَعِّرۡ خَدَّكَ لِلنَّاسِ وَلَا تَمۡشِ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَرَحًاۖ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخۡتَالٖ فَخُورٖ

[Boonaan] maddii (boqoo) kee namoota irraa gara hin galchin; dachii keessas of tuulaa hin deemin. Rabbiin of tuulaa, of dhaadaa hunda hin jaallatu. info
التفاسير:

external-link copy
19 : 31

وَٱقۡصِدۡ فِي مَشۡيِكَ وَٱغۡضُضۡ مِن صَوۡتِكَۚ إِنَّ أَنكَرَ ٱلۡأَصۡوَٰتِ لَصَوۡتُ ٱلۡحَمِيرِ

Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’ii, sagalee kee gadi qabi. irra jibbamaan sagaleewwanii sagalee harreeti.” info
التفاسير: