আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ

পৃষ্ঠা নং:close

external-link copy
12 : 19

يَٰيَحۡيَىٰ خُذِ ٱلۡكِتَٰبَ بِقُوَّةٖۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡحُكۡمَ صَبِيّٗا

“Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen). Beekumsa (ogummaa) ijoollummaan isaaf kennine. info
التفاسير:

external-link copy
13 : 19

وَحَنَانٗا مِّن لَّدُنَّا وَزَكَوٰةٗۖ وَكَانَ تَقِيّٗا

Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra). Inni (Rabbiin) sodaataa ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
14 : 19

وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَيۡهِ وَلَمۡ يَكُن جَبَّارًا عَصِيّٗا

Haadhaafi abbaa isaatiifis tola oolaa ta’eera, Of tuulaa, dilaawaa hin taane. info
التفاسير:

external-link copy
15 : 19

وَسَلَٰمٌ عَلَيۡهِ يَوۡمَ وُلِدَ وَيَوۡمَ يَمُوتُ وَيَوۡمَ يُبۡعَثُ حَيّٗا

Nageenyi isarratti haajiraatu, guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni jiraataa tahee kaafamus. info
التفاسير:

external-link copy
16 : 19

وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَرۡيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتۡ مِنۡ أَهۡلِهَا مَكَانٗا شَرۡقِيّٗا

Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiin yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu. info
التفاسير:

external-link copy
17 : 19

فَٱتَّخَذَتۡ مِن دُونِهِمۡ حِجَابٗا فَأَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرٗا سَوِيّٗا

Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara isiitti eregine, Inni nama (uumaan isaa) guutuu isiitti fakkaate. info
التفاسير:

external-link copy
18 : 19

قَالَتۡ إِنِّيٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيّٗا

Ni jette: “Ani sirraa Rahmaanitti maganfadha. Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef (naa tuqin)” info
التفاسير:

external-link copy
19 : 19

قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَٰمٗا زَكِيّٗا

(Jibriil) nijedhe “Ani ergamaa Rabbii keetiiti; ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge)”. info
التفاسير:

external-link copy
20 : 19

قَالَتۡ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٞ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٞ وَلَمۡ أَكُ بَغِيّٗا

Ni jette: “akkamitti ilmi naaf ta’a Odoo namni tokko nan tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in?” info
التفاسير:

external-link copy
21 : 19

قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٞۖ وَلِنَجۡعَلَهُۥٓ ءَايَةٗ لِّلنَّاسِ وَرَحۡمَةٗ مِّنَّاۚ وَكَانَ أَمۡرٗا مَّقۡضِيّٗا

Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kana, Gooftaan kee ‘kuni narratti laafaadha; Namootaaf raajiifi rahmata Nu irraa ta’es isa godhuufi” jedhe. (Kun) dhimma murtaa’e ta’eera. info
التفاسير:

external-link copy
22 : 19

۞ فَحَمَلَتۡهُ فَٱنتَبَذَتۡ بِهِۦ مَكَانٗا قَصِيّٗا

Isa ulfoofte; kophaa ishee gara bakka fagoo isaan deemte. info
التفاسير:

external-link copy
23 : 19

فَأَجَآءَهَا ٱلۡمَخَاضُ إِلَىٰ جِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ قَالَتۡ يَٰلَيۡتَنِي مِتُّ قَبۡلَ هَٰذَا وَكُنتُ نَسۡيٗا مَّنسِيّٗا

Ciniinsuun gara gufuu timiraa ishee maqse, Ni jette: “Yaa gaabbii kiyya! Odoo kana dura du’ee, wan dagatamee hafe ta’ee maal qaba!” info
التفاسير:

external-link copy
24 : 19

فَنَادَىٰهَا مِن تَحۡتِهَآ أَلَّا تَحۡزَنِي قَدۡ جَعَلَ رَبُّكِ تَحۡتَكِ سَرِيّٗا

Ishee jalaa “Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun isheetti lallabe. info
التفاسير:

external-link copy
25 : 19

وَهُزِّيٓ إِلَيۡكِ بِجِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ تُسَٰقِطۡ عَلَيۡكِ رُطَبٗا جَنِيّٗا

“Muka timiraa gara keetti hurgufi; asheeta timira bilchaataa ta’e sirratti harcaafti. info
التفاسير: